TUMAALEE FI DAMBII TAJAAJILA QUSANNAA MAAYIKIROO BANACHUU FI ITTI FAYYADAMUU

  1. Walii galtee
    • Walii galteen kun Tumaalee fi dambiiwwan guutummaatti Kanaan booda (“Tumaalee fi danbiiwwanii kun” jedhamee waamamu) kanneen tajaajila qusannaa maaykiroo irratti raawwatamudha.
    • Tumaalee fi dambiin kunnneen fi faayya’iinsi ykn jijjiiramni kamiyyuu guyyaa maxxanfamerraa kaasee hojiirra kan oolu ta’a.
  2. Hiikaa

Jechoonnii fi ibsitoonni tumaalee fi dambiiwwan kana keessatti ibsaman hiikaa armaan gadii qabaatu.

  • “Tajaajila qusannoo idilee” jechuun tajaajila faayinaansii teeleebirrii maamiltoonni karaa teeleebirrii suppar appii fi *127# fayyadamuun maallaqasaanii qusachuun dhala itti argatanidha.
  • “Tajaajila qusannoo cufaa” jechuun akkaawuntii qusannaa maamiltoonni maallaqa murtaa’e yeroo murtaa’eef osoo hinsochoosiin kan itti qusatanidha.
  • “Maamiltoota” jechuun nama dhuunfaa maqaa isaatiin akkaawuntii tajaajila qusannoo maaykiroo teeleebirrii qabu jechuudha.
  • “Ati” ykn “kee” jechuun maamila dhuunfaa ykn bakka bu’aa maamila dhuunfaa jechuudha
  • “Nuti ,” “keenya,” and “Nu,” jechuun baankii daldalaa Itiyoophiyaa fi Itiyoo Telekoomii jechuudha.
  • “Maallaqa Elektirooniiksii” jechuun gatii maallaqa elektirooniiksii maamiltoota teeleebirrii erraga maallaqaa walqixa ta’e bakka bu’u keessatti agarsiifame jechuudha.
  • “dhala Qusannaa” jechuun maallaqa kuufama gusannaa maamilaa guyyaa guyyaarratti hundaa’uun maamiltoota teeleebirrii shallagamee kafalamudha.
  • “Dhala qusannaa” jechuun maallaqa qusannoo maamilaa guyya guyyaarratti hundaa’uun shallagamee, kuufamee maamiltoota teeleebirriif kafalamu jechuudha.
  • “Baay’ina kuufamaa ijoo” jechuun baay’ina maallaqaa maamilli tokko jalqabarratti kaa’e jechuudha.
  1. Fudhatamummaa Tumaalee fi dambiiwwanii
    • Tajaajila qusannaa osoo hinjalqabiin dura, tumaalee fi dambiiwwan tajaajila qusannoo maayikroo sirriitti dubbisuu fi hubachuun barbaachisaadha.
    • Tumaalee fi dambiiwwan kanneenirratti yoo walii hingalle “Cancel” isa jedhu cuqaasaa.
    • Tumaalee fi dambiiwwan kana akka dubbifte. Hubattee fi fudhattetti fudhatama.
  • Meenuurratti “Agree” isa jedhu cuqaasuun haalawaanii fi dambiiwwan kanneen dubbisuu, hubachuun waliigaluu fi itti fufiinsaan ittiin buluu keessan mirkaneessaa.
    • Itiyoo telekoom Tumaalee fi dambiiwwan kanneen yero kamiyyuu jijjijjiiruu akka danda’uu fi jijijjiiramni kun guyyaa maxxanfamerraa kaasee hojiirra ni’oola.
    • Yeroo karaa elektirooniiksii fudhatama argaterraa kaasee Tumaalee fi dambiiwwan kunneen nuyii fi isin jidduutti seeraan fuulduratti fudhatama ni qabaata. Mirgaa fi dirqama galtan kana eenyuufiyyuu dabarsuun dhorkaadha.
    • Tajaajila qusannaa maaykiroo karaa elektirooniiksii beekamtii kennite qofaan fudhatta, akkasumas Itiyoo telekoomii waliin daldala hojjechuuu fi tajaajila qusannaa maaykiroo karaa sirna teeleebirrii karaa elektirooniiksii qofaan hojjechuuf waliigaltee qabda.
  1. Tajaajila qusannoo maaykiroo hojii jalqabsiisuu
    • Itiyoo teelekoomii waliin Tajaajilaqusannoo maaykirootti fayyadamuuf, yoo xinnaate,
    • Waggaa18 fi isaa ol
    • SIIM Kaardii Itiyoo Telekoomii qabaachuu
    • Erga teeleebirriitti fayyadamuu jalqabdanii baatii sadii guutuu
    • Tajaajila kana eegaluuf ‘USSD’ (*127#) ykn teeleebirr suppar aappii fayyadamuu.
    • Hojii jalqabuusaatiif beeksifni isin qaqqaba
    • Tajaajila qusannaa maaykiroo erga jalqabdanii kaasee bilbila keessan fayyadamuun maallaqa qusachuu baasuu nidandeessu.
    • Maamiltoonni Maallaqa qusannaa idileetiin dhala argachuuf birrii 26 ol qusachuu qabu.
  2. Akaakuuwwan tajaajila qusannoo
    • Maamiltoonni akaakuu qusannaa idilee fi cufaa fayyadamuu ni danda’u
    • Tajaajila Sinq idilee lamatu jira, tajaajila Sinq dhala irraa bilisa ta’ee fi tajaajila Sinq dhala qabu.
    • Qusannoo tajaajila idilee fayyadamuuf, maamiltoonni birrii 1 irraa kaasee amma barbaadan qusachuu ni danda’u. Dhala argachuuf garuu birrii 26 ol qusachuu qabu.
    • Qusannoo hinsochooneef maamiltoonni yeroo tokkotti birrii kuma 20 ol qusachuu qabu.
    • Maamiltoonni baatii sadii, jaha, sagal fi 12’f yoo qusatan akkaataa tartiiba ibsameetiin dhala dhibbantaa 7.25%, 7.5%, 7.75% fi 8%
    • Qusannoo dhala irraa bilisaa fi qusannoo dhala qabu qusachuu ni dandeessu.
  3. Seera ittiin bulmaataa

Seerri federaalaa Itiyoophiyaa, qajeelfamni baankii biyyaalessaa Itiyoophiyaa, akkasumas hojmaatonni baankii daldalaa Itiyoophiyaa Kanaan walqabatan fi seerri Itiyoo telekoomii haalawwanii fi dambiiwwan kanneen nibulchu.

  1. Gaaffiiwwan

Gaaffii dhuunfaa tajaajila kana ilaallatan, adeemsa, haalawwanii fi dambiiwwan  kamiifiyyuu, karaa jiddu galeessa quunnamtii  maamiltoota teeleebirrii 127rratti bilbiluun  argachuu nidandeessu.

  1. Addaan kutuu

Itti fayyadama hin malle fayyadamtanii yoo argamtan tajaajila qusannaa maaykiroo kana isin beeksifne ykn osoo hinbeeksisiin dhaabsisuu ykn addaan kutuu nidandeenya. Walii galtee kana guutummaatti ykn gartokkee addaan kutuun mirga fi dirqama kuufamaa qaama lamaaniiyyuu hinmiidhu.

  1. Komeewwan

Komeewwan qaamaan, barreeffamaan, karaa poostaa karaa faaksii, imeelii ykan karaa telephoonii dhiheessuun nidanda’ama. Itiyoo telekoom Complaints may be made in person, in writing, by post, fax, email or by telephone. Itiyoo telekoom komeewwan dhihaatan yeroosaatti hiikuuf tarkaanfiiwwan fudhachuu qabu nifudhata. Deebii kennametti yoo hinquufne,  Ethio telecom will take all measures within its means to resolve your complaints within a reasonable time. If You are dissatisfied with the response, amma baankii daldalaa Itiyoophiyaa fi baankii biyyaalessaa Itiyoophiyaatti  deemuun nidanda’ama.

  • Waldhabdee furuu

Waldhabdee waliigaltee kanaa fi Kanaan walqabatan akkaataa keewwata 11  armaan olitti kaa’ameen hin furamne kamiyyuu mana murtee federaalaa Itiyoophiyaa aangoo qabuuf niqajeelfama.

  • Itti gaafatamummaa

Piinii keessan isiniin alatti namni kamiyyuu itti fayyadamuu hinqabu, iccitiin qabachuu qabdu. Siimiin keessan cufamuun,akkaawuntii teeleebirrii,bilbila moobaayilii, ykn Siim kaardii  sirnaan fayyadamuu dhabuun, yoo bade ykn yoo hatame gabaasuu dhiisuun ykn piinii keessan jijjiiruu dhabuun itti gaafatamnisaa kan keessani.