Ashaam Teelee
Tajaajiloota keenya irra deddeebi’uun fayyadamuun badhaafamaa!
- Maamiltoonni keenyaa tajaajiloota keenya irra deddeebi’uun nu waliin turuu isaaniif kan itti badhaafnudha. Tajaajila kanaaf galmaa’aa! Qabxii walitti qabadhaa! Baay’ina qabxii kuufattaniin moobaayilii guuttachuu, qarqaba bitachuu, erraga tajaajilaa kan ji’aa kafaluu, akkasumas waamicha sagalee taasisuu, daataa fayyadamuu fi eraa erguu kkf fayyadamuu ni dandeessu. Neetwoorkii Itiyoo Telekoomii yeroo dheeraa fayyadamuun qabxii baay’ee yoo walitti qabattan bilbila Moobaayilii, Taableetii fi Laaptooppii ni argattu.
Package Types Using Ashamtele Points
 Package Validity | Required Ashamtele Points | Package types |
---|---|---|
 Daily | 125 Points | 100 MB |
125 Points | 25 Min | |
250 Points | 50 Min | |
625 Points | 625 MB | |
 Weekly | 500 Points | 110 Min |
600 Points | 375 MB | |
1225 Points | 1 GB | |
 Monthly | 875 Points | 125 Min |
1250 Points | 1 GB | |
2500 Points | 2 GB |
Ashamtele Points Redeem for Mobile Phone and Other devices
 Device Type | Device name | Required Ashamtele Pointss |
---|---|---|
 Feature phones | Smadl i7 | 20,875 |
Smadl i9 | 21,500 | |
Tecno T203S | 24,875 | |
Itel it5026 | 29,750 | |
Tecno ti402 | 35,000 | |
 Smart Phones | Itel A24 | 109,000 |
ZTE Blade A31 Lite | 120,750 | |
ZTE Blade A31 | 173,625 | |
ZTE Blade A51 | 187,750 | |
Tecno Spark 7 | 225,000 | |
Redmi 9A Sport | 288,975 | |
Redmi 9A | 294,725 | |
Redmi A1 | 299,225 | |
Tecno Spark 8C | 300,000 | |
Samsung A04 LTE | 317,375 | |
Tecno Pova Neo | 325,000 | |
Tecno Spark 8P | 375,000 | |
Redmi 10C | 391,750 | |
Samsung Galaxy A23 | 464,125 | |
Iphone 11 | 1,133,975 | |
Samsung Galaxy Z Flip 4 | 2,010,000 | |
 Laptop | Realme Laptop i5 | 1,790,000 |
 Smart Watches | Realme Watch 2 Pro | 108,250 |
Realme Watch 5 | 138,250 | |
 Air Buds | ZTE Buds | 47,000 |
Realme Q25 | 50,550 |
Note
Get it from Ethio Gebeta (*999#), My Ethiotel App and Ardi Chatbot
Note
1 Points = 4 Cent
Note
Get it from Ethio Gebeta (*999#), My Ethiotel App and Ardi Chatbot
Ulaagaaleen kanaa Maal fa’i?
Tajaajila moobaayilii fayyadamuu
- Maamiltoota tajaajila kafaltii duraaf guyyaatti birrii 2.5 fi kanaa ol fayyadamuu.
- Maamiltoota kafaltii boodaaf kafaltiin tajaajilaa kan ji’a tokkoo inni xiqqaan birrii 75.
- Birriin 1 qabxii 1argamsiisa.
Tajaajiloota Teelee birrii fayyadamuu
- Maamiltoonni Teelee birrii hundi fayyadamaa Ashaam teelee ni ta’u.
- Moobaayilii keessa birrii tokko yoo guuttan qabxii 2 argattu.
- Teelee birriitti fayyadamuun bittaafi gurgurtaa raawwachuu
- Kafaltiin birrii 10 qabxii tokko argamsiisa.
Steps to use Ashamtele
Via My Ethiotel Mobile App
Via Ethio Gebeta *999#
Appilikeeshinii Moobaayilii maayi Itiyooteel galmaa’uuf
- Appilikeeshinicha banuudhaan tarreeffama baafataa karaa harka mirgaa gubbaarra jiru keessaa Ashaam Teelee kan jedhu filadhaa.
- Achi keessaa “Galmaa’uuf” kan jedhu filadhaa.
- Itti aansuun “Mirkaneessi” akkasumas “itti fufaa” jedhu cuqaasaatii filadhaa.
Qabxiilee Ashaam teeleenkuufattan Appilikeeshinii moobaayilii maayi Itiyooteeliitiin gara lakkoofsa biraatti dabarsuuf
- Tarreeffama baafata Ashaam teelee keessaa “qabxii dabarsuuf ” kan jedhu filadhaa.
- Baay’ina qabxii dabarsuu barbaaddanii barreessaa.
- Lakkoofsa bilbilaa qabxii itti dabarsitanii barreessaatii ergaa.
Qabxiilee Ashaam Teeleen kuufattan Appilikeeshinii moobaayilii Maayi Itiyooteeliin geeddaruuf
- Tarreeffama baafata Ashaam Teelee keessaa “qabxiidhaan bitachuuf” kan jedhu filadhaa.
- Qarqabaalee guyyaa, torbanii fi ji’aa qabxii keessaniin bitachuu yoo barbaaddan “qarqaba bitachuuf” kan jedhu filadhaa.Ykn
3. Gara daqiiqaa, daataa fi eraa barreeffamaa gabaabaatti jijjiiruuf akkasumas biilii kaffaluuf , moobaayilii bitachuu yoo barbaaddan “Multiple Redeem” kan jedhu filadhaa.
Sadarkaa fi qabxii maamiltoota Ashaam Teelee karaa Appilikeeshinii moobaayilii maayi Itiyooteeliin beekuuf.
- Tarreeffama baafata Ashaam Teelee keessaa “sadarkaa maamilummaa fi qabxii beekuuf ” kan jedhu filadhaa.
Tajaajila Ashaam Teeleen bitattan amma akka isin hafe karaa Appilikeeshinii moobaayilii maayi Itiyooteel beekuuf,
- Tarreeffama baafata Ashaam Teelee keessaa “tajaajila bitattan keessaa ammam akka isin hafe beekuuf” kan jedhu filadhaa.
Itiyoo gabataa *999# galmaa’uuf
- Gara *999# tti bilbiluun Ashaam teeleef lakkoofsa 3 filadhaa.
2. Galmaa’uuf lakkoofsa 1 galchaa
Qabxiilee Ashaam teeleen kuufattan karaa Itiyoo gabataa *999# gara lakkoofsa biraatti dabarsuuf.
- Gara *999# tti bilbiluun Ashaam Teeleef lakkoofsa 3 filadhaa.
- Qabxii dabarsuuf lakkoofsa 2 galchaa.
- *lakkoofsa bilbilaa*baay’ina qabxii# barreessaatii ergaa
Qabxiilee Ashaam Teeleen kuufattan qabxii Itiyoo gabataa *999#n jijjiiruuf.
- Gara *999# tti bilbiluudhaa Ashaam Teeleef lakkoofsa 3 filadhaa.
- Qabxii jijjiiruuf lakkoofsa 3 galchaa.
Sadarkaa maamilummaa fi qabxii Ashaam Teelee karaa Itiyoo gabataa *999# beekuuf,
- Gara *999# tti bilbiluudhaan Ashaam Teeleef lakkoofsa 3 filadhaa.
- # galchuun itti aansuun lakkoofsa 4 filadhaa.
Tajaajila Ashaam Teeleen bitattan keessaa ammam akka isin hafe Itiyoo ganataa *999# n beekuuf
- Gara *999# tti bilbiluun Ashaam Teeleef lakkoofsa 3 filadhaa.
- # galchaatii itti aansuun lakkoofsa 3 filadhaa.
Qabxiiwwan Ashaam Teeleetiin maal argachuutu danda’ama?
Gosa badhaasaa Gosa qarqabaa Baay’ina Baay’ina qabxii Ashaam Teelee barbaachisu
Qarqaba Kan guyyaa sagalee Daqiiqaa 19 250
daataa Meegaa baayitii 77 250
Kan torbanii sagalee Daqiiqaa 110 1,250
daataa Meegaa baayitii 275 1,200
Kan ji’aa sagalee Daqiiqaa 140 1,750
sagalee Daqiiqaa 205 1,800
daataa Meegaa baayitii 550 2,000
Fileeksii Fieeksii yuuniitii 1452 2,500
Moobaayilii guutuu /kafaltii biilii birrii) 1 50
sagalee (daqiiqaa) 1 21
Daataa (meegaa baayitii) 1 10
Ergaa gabaabaa (lakkoofsaan) 1 10
moobaailii Feature phone 1 35,000
(bilbila salphaa)
Bilbila smaartii sadarkaa 1ffaa 1 150,000
Bilbila smaartii sadarkaa 2ffaa 1 250,000
Sadarkaa guddaa isa dhumaa 1 750,000
Taableetii 1 700,000
Laaptooppii 1 1,250,000
Yaadannoo
Qabxiiwwan moobaayilii, Taableetii fi Laaptooppotaaf barbaachisan /haala gabaarratti hundaa’ee gatiin jijjiiramuu ni danda’a
Danbii fi Dirqamoota
- Fayyadamtoonni kafaltii duraa, kafaltii boodaa fi akkasumas moobaayilii hayibiriidii sagantaa looyaaliitii Ashaam teelee fayyadamuuf ni danda’u.
- Sagantaan kun kan hojeeffamu lakkoofsa tajaajilaani malee lakkoofsa erragaan miti.
- Maamiltoonni Ashaam Teelee galmaa’uu fi bulchuuf Appilikeeshinii moobaayilii May Itiyoo teel fayyadamuu akkasumas gara *999# tti bilbiluu qabu.
- Maamiltoonni qabxiilee yeroon itti hin darbine maamiltoota fayyadamoo sagantaa Ashaam Teelee ta’aniif daangaa tokko malee erguu ni danda’u. Haa ta’u malee miseensa maamila hin taaneef qabxii erguun hin danda’amu.
- Qabxiin tajaajila akka hin kennine dhorkame nama biraaf dabarsuu fi fayyadamuun hin danda’amu.
- Lakkoofsi bilbilaa nama biraatti yoo darbe qabxiileenis walumaan darbu.
- Lakkoofsa bilbilaa tajaajia addaan kuteen qabxiilee Ashaam Teelee fayyadamuun hin danda’amu.
- Barri tajaajila qabxiilee inni guddaan baatiiwwan 12 qofa. Fakkeenyaaf maamilli tokko Ebla 1 bara 2014 qabxiilee 10 yoo qabaate barri tajaajilaa qabxiilee Ebla 1 bara 2015 raawwata.
- Birrii 1 gadi fayyadamtaniittu yoo ta’e baay’ina birrii tajaajila yeroo itti aanu fayyadamtan waliin ida’amee qabxii ni argattu.
- Tajaajiloonni Itiyoo Telekoom bilisaan ykn kennaadhaan dhiheessu qabxii kuufachuuf hin oolan.
- Qabxiin Ashaam Teelee 1 saantima 2 waliin qixa yoo ta’u, kunis taaksii dabalataa dabalateetu.
- Maamiltoonni tajaajila yemmuu addaan kutan qabxiin kuufatanis addaan cita.
- Kafaltiin ji’aa Ashaam Teeleen osoo hin jalqabiin dura ykn maamilli tokko tajaajila kanaaf osoo hin galmaa’iin dura kuufame kafaluun qabxii hin argachiisu.
Qabxiin kan ittiin herregamuu fi lakkoofsota tajaajilaaf kan qaqqabu akkaataa qajeelfamoota armaan gadiitiini.
- Moobaayilii kafaltii duraa-
- Sagalee, ergaa gabaabaa fi daataa birrii 1 yemmuu fayyadamtan qabxii 1 argattu.
- Qabxiin sa’aatii 24 keessatti argattan odeeffannoon yeroo hunda isiniif ergama.
- Fayyadamtoonni qarqabaa, qarqaba hin daangeffamne dabalatee qabxiin keessan baay’ina birrii qargaba ittiin bittaniin Erregama. (birrii 1 = qabxii 1 )
- Qarqabni kennaadhaan yemmuu ergamu namni erge gatii qarqabaa amma kafaletti qabxiin ni kennamaaf.
- Moobaayilii guuttanii nama biraaf yoo dabarsitan qabxiin kan qabamu yoo ta’u, garuummoo kan ergameef yemmuu itti fayyadamu qabxii ni kuufata.
- Lakkoofsota gabaabaa/addaa yemmuu fayyadamtan qabxii hin argattan.
- Yoo xinnaate guyyaatti tajaajila birrii 2.5 fayyadamuun barbaachisaadha.
- Moobaayilii kafaltii boodaaf-
- Biilii ji’aa wayita kafaltan birrii tokkoon qabxii 1 argattu.
- Qabxiin yemmuu erregamu lakkoofsota gabaabaa/addaatti kan fayyadamtan hin ilaallatu.
- Kafaltiin keessan kan ji’aa yoo xinnaate birrii 75 ta’uu qaba.
- Kafaltii ji’aa kana kan kafalu maamila biraa yoo ta’e qabxiileen gara fayyadamaatti ergamu.
- Moobaayilii keessan Teeleebirriin wayita guuttan
- Birrii 1 wayita guuttan qabxii 2 argattu
- Qabxiileen yroo hunda sa’aatii 24 keessatti argattan odeeffannoon isiniif ergama.
- Maamiltoota biroof moobaayiliin yoo guutame qabxiin nama biteef/kaffaleef ergama.
- Daldaltoonni Teeleebirriin yoo kafalan
Daldaltoonni Teeleebirriin birrii 10 yoo kafalan qabxii 1 kuufatu