Waa’ee Itiyoo Telekoomii

Seenaa dug duubee gabaabaa

Itiyoophiyaatti tajaajilli Telekomunikeeshinii kan jalqabe yeroo mootummaa Minilik bara 1886 karaa toora telefoonii fi Telegiraafii magaalaa Harar irraa gara magaalaa muummee biyyattii Finfinneett  diriirfameen ture. Sana booda toorri quunnamtii bilbilaa Finfinnee irraa kallattii hundaan babal’achaa waan deemaniif  magaalaawwan gurguddoo biyyattii karaa oppireetarootaa fayyadamoo tajaajila Telekomunikeeshinii ta’uu danda’aniiru.

Hundeeffama Itiyoo Telekoom

Karoora waggoota shanii bara 1998-2002tti mootummaan federaalawaa demokiraatawaa Itiyoophiyaa  wixine itti fufsiisuun akkasumas yaalii kana barumsa, fayyaafi qonna irratti xiyyeeffannoo kennuurra darbee tajaajilli Telekomunikeeshinii misooma biyya keenyaa hundaaf murteessaa ta’uusaa hubachuun fi tajaajila kana fooyyessuuf murteessuudhaan guddina egeree biyya keenyaa deeggaruuf fedhii qaburraa ka’uun Itiyoo telekoomiin Sadaasa 21 bara 2003 maqaa fi bifa haaraan akka hundaa’u taasifameera.

Caaseffama gurmaa’insaa (maqaalee yeroo addaddaa kennamaniif waliin)

  • Bara 1886 - Bulchiinsa jiddu galeessaaTelefoonii fi Telegiraafii Itiyoophiyaa
  • Bara 1900 - Biiroo giddu galeessaa Poostaa, Telegiraafii fi Telefoonii
  • Bara 1903 - Ministeera Poostaa, Telegiraafii fi Telefoonii (PTT)
  • Bara 1945 - Boordii Telekomunikeeshinii mootummaa mootii moototaa Itiyoophiyaa

(Gitoota itti gaafatama hojii olaanaa addaddaa dhaabbatichaa bahuudhaan sagantaan Itiyoophiyaa bakka bu’uu bara 1960 hojjetamee xumurame), Maqaaleen yeroo addaddaa kennameefis kunoo-

  • Bara 1967 - Dhaabbata tajaajila Telekomunikeeshinii mootummaa loltummaa kan yeroo sooshaalist Itiyoophyaa,
  • Bara 1989 - Korporeeshinii telekomunikeeshinii Itiyoophiyaa,
  • Bara 2003 - Itiyoo Telekoom,

Cehumsa Gara Itiyoo Telekoomitti

Tajaajiloota telekoomii mootummaa federaalaa misooma biyyaaf furtuu ta’ee xiyyeeffannoon akka hojjetu murataa’uu isaarratti hundaa’uun ItiyooTelekoomiin Sadaasa 29 bara 2010 irraa kaasee sadarkaa amma irra jiru argateera. Haala kanaan tajaajilootaa fi bu’ura misoomaa Telekoomii biyyattii gara sadarkaa idil addunyaatti jijjiiruun fooyya’iinsa damee kanaarratti jijjiirama guddaa taasisuun misooma biyyattii saffisiisuun danda’ameera.

Milestones: Technological Evolution

Teekinooloojii Moobaayilii Dhaloota Shanaffaa (5G)

Kaampaaniin keenya Teekinooloojii kana magaalaawwan gurguddoo biyya keenyaa akkasumas magaalaa dippilomaatikii idil addunyaa fi Ardii kan taate Finfinneetti yeroo jalqabaaf dhugoomsuu isaatiin Opireetarii Telekoomii Filatamaadha.

2022

Tajaajila fooyya’aa ‘LTE’

Tajaajilli Intarneetii Moobaayilii fooyya’aa 4G saffisaan bara 2012 magaalaa Finfinnee iddoowwan filatamanitti tajaajila kennuu eegale.

2020

4G/ 'LTE'

Tajaajilli 4G ‘LTE’ bara 2007 Finfinnee iddoowwan filatamanitti jalqabame.

2015

‘NGN’, 3G fi ‘DWDM’

Kan dhaloota egeree idileen, neetiwoorkii dhaloota sadaffaa fi ‘DWDM’ optikaal faayibariin jalqabamuu.

2000

Tajaajila maltii miidiyaa Biroodbaandii

Tajaajilli maltii miidiyaa Biroodbaandii bara 1996 jalqabame.

2004

Tajaajila Roomiingii

Tajaajilli Roomiingii bara 1995 jalqabame

2003

Tajaajila bilbila Moobaayilii

Tajaajilli biulbila moobaayilii bara 1991 jalqabame.

1999

Tajaajila Intarneetii

Tajaajilli Intarneetii bara 1989 tajaajila irra akka oolu taasifame.

1997

Tooftaa walquunnamtii dijitaal maayikirooweevii fi shiboo faayibarii

Tooftaawwan walquunnamtii dijitaal maayikirooweevii fi shiboo faayibarii bara 1981 jalqabame

1989

Odeeffannoo Dijitaalaa

Odeeffannoon dijitaalaa bara 1980 hundeeffame.

1988

• Karaa buufata saatalaayitii lafarraa Sulultaa quunnamtiin idil addunyaa jalqabame.

Buufataalee kallattiiwwan addaddaa sadiin dhaabaman

  • Bara 1971  - Diishiin neetwoorkii saatalaayitii lafarraa Sulultaa guddichi bal’ina meetira 32 ta’e hundeeffamee tajaajila kennuu eegale.
  • Bara 1980 - Diishiin saatalaayitii dachee Sulultaa lammaffaa bal’ina meetira 13 ta’e hundaa’e tajaajila kennuu jalqabe.
  • Bara 1993  - Diishiin saatalaayitii dachee dijitaalaa Sulultaa sadaffaan bal’ina meetira sadii ta’e hundaa’ee tajaajila kennuu eegale.

1972 - 1980

Tajaajiloota Buufata Raadiyoo Idil Addunyaa fi Biyya Keessaa

Buufataaleen Raadiyoo tajaajiloota qunnamtii idil addunyaa fi biyya keessaaf oolan bara 1944 akka hundaa’an taasifamanii tajaajila kennuu eegalan

1952

Tajaajila Telegiraafii

Hojiin sararri Telegiraafii Dirreedawaa- Jibutii diriirsuun xumuramee bara 1898 tajaajilli eegalame.

1906

Tajaajila waamicha sagalee fageenya dheeraa karaa oppireetaraa taasisuu

Started the service by long distance voice communication with the assistance /Operator

1894

Three Years LEAD Growth Strategy

Our company, with a new beginning and a new perspective, began implementing its newly devised three-years LEAD Growth Strategy starting from July 01, 2022, with a vision of providing services beyond connectivity, enabling inclusive growth by providing digital and financial services and simplifying the daily activities of organizations and individuals.

  • Tajaajila komunikeeshinii fi Faayinaansii dijitaalaa amansiisaa dhiheessuun jireenya salphaa taasisuu fi tiraanisfoormeeshinii dijitaalaa Itiyoophiyaa Saffisiisuuf.

Ergama

  • Tajaajila dijitaalaa dhiheessuun dursa fudhachuu

Mul’ata

  1. Namarratti xiyyeeffachuu
  • Tajaajila fedhii hojjettoota keenya, maamiltoota keenyaa, qaamolee qooda fudhattootaa keenyaa fi duudhaa keenyaan wal sime kennuu.
  1. Amanamummaa
  • Hojii biizinasii wayita hojjennu hojii amanamummaa, dirqamaafi itti gaafatama akkasumas naamusa jiddu galeessa godhate hojjechuu.
  1. Dursanii argamuu
  • Qulqullina, hojii caalmaa fi ogummaaf kutannoo qabaachuu, gufuuwwan hunda akka carraatti fudhachuun hojmaata kalaqoota haaraa dijitaalarratti xiyyeeffatan hojiirra oolchuun bu’aa fooyya’aa fiduu.
  1. Itti gaafatama hawaasummaa
  • Naannawa keenya ni kunuunsina, ni eegna, guddina hawaasa keenyaa kamifuu gumaacha ni taasifna, hojii keenya naamusaafi itti gaafatamummaan ni hojjenna.
  1. Waloo
  • Hojii keenya qooda fudhattoota waliin waloo fi gareen waltaanee guddisuuf ni hojjenna.

Duudhaa

Tajaajila komunikeeshinii fi Faayinaansii dijitaalaa amansiisaa dhiheessuun jireenya salphaa taasisuu fi tiraanisfoormeeshinii dijitaalaa Itiyoophiyaa Saffisiisuuf.

Tajaajila dijitaalaa dhiheessuun dursa fudhachuu

1. Namarratti xiyyeeffachuu

  • Tajaajila fedhii hojjettoota keenya, maamiltoota keenyaa, qaamolee qooda fudhattootaa keenyaa fi duudhaa keenyaan wal sime kennuu.

2. Amanamummaa

  • Hojii biizinasii wayita hojjennu hojii amanamummaa, dirqamaafi itti gaafatama akkasumas naamusa jiddu galeessa godhate hojjechuu.

Dursanii argamuu

  • Qulqullina, hojii caalmaa fi ogummaaf kutannoo qabaachuu, gufuuwwan hunda akka carraatti fudhachuun hojmaata kalaqoota haaraa dijitaalarratti xiyyeeffatan hojiirra oolchuun bu’aa fooyya’aa fiduu.

4. Itti gaafatama hawaasummaa

  • Naannawa keenya ni kunuunsina, ni eegna, guddina hawaasa keenyaa kamifuu gumaacha ni taasifna, hojii keenya naamusaafi itti gaafatamummaan ni hojjenna.

5. Waloo

  • Hojii keenya qooda fudhattoota waliin waloo fi gareen waltaanee guddisuuf ni hojjenna.