Fayda Digital ID

(Fayda Digital ID)

Waraqaa Eenyummeessaa dijiitaalaa diinagdee hunda galeessaaf

Gosa Waraqaa eenyummeessaa dijiitaalaa ta’ee baayomeetirikii jiraattotaa (ashaaraa qubaa, ayiriisii ijaa,fi fakkii fuulaa ) akkasumas odeeffannoowwan dhuunfaa walitti qabuun nama dhuunfaa tokko bifa adda ta’een akka beekamu kan dandeessisudha.

Itiyoo telekom dhaabbata adda dureedhaan dhiyeessaa dijiitaalaa soluushiinii ta’uun, mul’ata waraqaa eenyummeessaa dijiitaalaa milkaa’inaan galmaan ga’uu fi Itiyoophiyaa dijitaalomte dhugoomsuu saffisiisuuf waraqaa eenyummeessaa dijiitaalaa galmeessuu,maxxansiisuu fi raabsuu,enyummaa mirkaaneessuu (Authentication) irraatti xiyyeeffannaan hojjechuurratti argama.

Fayda’n namoota dhuunfaaf,damee daldalaa fi rakkoolee lammiilee  kanneen armaan gaditti tarreeffaman dhaabbiidhaan ni fura.

Namoota dhuunfaaf

  • Raawwii tajaajilaa: namoonni dhuunfaa eenyummaa isaanii agarsiisuu dadhabuu isaaniitiin tajaajiloota ijoo irraa hafaniiru.
  • Muuxannoo gaarii hin taane: tajaajilli fayyadamtootaaf kennamu fedhii isaanii wajjin kan wal hin simne yookiin haala mijataa hin taaneen kan kennamudha.
  • Odeeffannoo garmaleef saaxilamuu: odeeffannoon fayyadamtootaa garmalee saaxilamuun fayyadamtoota hanna eenyummaa fi icciitiin isaanii akka ba’uuf isaan saaxila.
  • Adeemsa Gahumsa Hin qabne: Eenyummaa namaa mirkaneessuun adeemsa duraa duubaa fi sanadootaa mirkaneessa.

Daldaltootaaf

  • Kenniinsa tajaajilaa gahumsa hin qabne: Adeemsi fayyadamaa mudatu rakkisaa waan ta’eef; tajaajila maamiltootaa gaarii hin taane uuma.
  • Rakkoo Dhokataa: Odeeffannoon amanamaa ta’e dhibuun, dhaabbileen daldalaa rakkoo daldalaa sirritti akka hin shallagne taasisa.
  • Hanna (Fraud): Namoonni odeeffannoo sirrii hin taane ykn hin mirkanoofne qabatanii dhufuun daldalli hatamuun ni mudata.

Gahumsa dhabuu adeemsaa: Adeemsi, daataa yeroon isaa darbe ni dhiyeessa ykn maddoota hedduu sakatta’uu barbaada

Hawaasaaf

  • Tajaajilaa ala ta’uu: Namoonni eenyummaa isaanii mirkaneessuu waan hin dandeenyeef tajaajila hawaasummaa ijoo irraa ala ta’uu danda’u.
  • Tajaajila wal hin simne: sababa hanqina odeeffannootiin tajaajilli sirnaan kennamuu hin danda’u.
  • Hanna (Fraud): Namoonni tajaajila seeraan alaa argachuuf odeeffannoo sobaa fayyadamuun ykn odeeffannoo dogoggoraatiin tajaajila fedhii dhuunfaa isaaniif oolchuu.
  • Gahumsa dhabuu adeemsaa: Adeemsi baay’inaan hojii harka namaa fi waraqaa irratti kan hundaa’e yoo ta’u, gidduu seenuu fi sirreeffama namaa kan barbaadu dha.

Fayda’n rakkoolee armaan olii fi kanneen kana fakkaatan biroo ni fura!

Jiraattonni Itoophiyaa waraqaa eenyummeessaa Dijiitaalaa argachuuf ulaagaa guutuu qabu. "Labsii eenyummeessaa" keessatti, jiraataa jechuun seeraan nama uumamaa Itoophiyaa keessa jiraatu, ragaa lammummaa Itoophiyaa qabaachuus ta'e osoo hin qabaatin kan jiraatu jechuudha. jiraataa biyya alaa yoo ta’e bu'uura seera biyyattiitiin naannoo Itoophiyaa keessa kan jiraatu ykn kan hojjetuuf immoo kanneen armaan gadii ni dabalata:

  • Daa’imman umuriin isaanii waggaa 5 ol ta’e galmaa’uu ni danda’u, daa’imman umuriin isaanii waggaa 5 gadi ta’eef yeroo dhiyootti sagantaa galmee addaa ni diriirsina.
  • Uummata Itiyoophiyaa fi lammiilee Itiyoophiyaa hin taane kan ragaa mana jireenyaa Itoophiyaa qaban
  • Itoophiyaatti namoonni ragaa teessoo qabanis ta'e kan hin qabne, ulaagaan jireenyaa isaanii "bu'uura labsii" irratti hundaa’a.
  • Namoonni bakka jiraatanitti sanada tokkollee hin qabne ragaalee ‘Fayda’ jalatti galmaa’an qabachuun galmaa’uu ni danda’u.

 

·  Waraqaa eenyumma kan gandaa

·       Paaspoortii

·       Waraqaa ragaa dhalootaa

·       Ragaa barnootaa

·       Galmee daldalaa ykn ragaa eeyyama daldalaa

·       Ragaa gaa’elaa

·       Hayyama konkolaachisummaa

·       Dabtara herreega baankii

·       Kaartaa manaa

·       Ragaa hayyama ogummaa

·       Lakkoofsa Eenyummaa/Eenyummaa kaffalaa gibiraa (suuraa waliin).

·       Kaardii filannoo/eenyummeessaa filatamuu qykn filachuuf/enyummeessaa

·       Eenyummeessaa inshuraansii fayyaa

·       Eenyummeessaa  sooramaa

·       Eenyummeessaa hojii dhabdummaa

·       Waraqaa eenyummaa barnootaa

·       Dabtara Afooshaa

·       Dabtara Iqqubii

·       Xalayaa suuraan deeggaramee dhaabbilee kunuunsa daa'immanii irrraa kenname.

·       Eenyummeessaa dippilomaatii (jiraataa Itoophiyaa ta'uu isaa kan agarsiisu)

·       Ragaa jiraattota diyaaspooraa/Yellow card/ (jiraataa Itoophiyaa kan ta’e)

·       Kaardii godaantootaa ykn godaansa irraa kan deebi’uusa odeeffannaoo ibsu.

·       Waraqaa eenyummaa hojii(lammilee biyya alaa)

·       Waraqaa eenyummaa hojjetaa Idil-addunyaa

·       Waraqaa eenyummaa qaamni mootummaa kennu kamiyyuu

·       Ragaa hojii gaggeessaan gandaa kennu.

·       Ragaa eenyummaa dhaabbata faayinaansii hayyama qabu kamiinuu kenname

·       Hayyama Jireenyaa (Lammiilee biyya alaatiif)

Yaadachiisa

• Gosoonni sanadoota fudhatama qaban hundi suuraa nama dhuunfaa of keessaa qabaachuu qabu.

·       • Galmaa’aan tokko sanadoota fudhatama qaban armaan olitti tarreeffaman dhiyeessuu yoo dadhabee, ragaadhaan galmaa’uu kan danda’an yoo ta’u ragaan ‘Fayda’ galmaa’uu qaba.

Itiyoo Telekoomitti Giddugala tajaajila filatamoo Tolaan!
Michoota
Buufataalee   yeroof socho’an

Galmee keessan erga xumurtanii booda ergaa gabaabaa kan lakkoofsa eenyummeessaa Fayda dijiitii 12 of keessaa qabu kan isin qofti beektan isin qaqqaba. Appii xiqqoo "National ID" kan teeleebirrii SupparAppii irratti argamu banuudhaan lakkoofsa addaa eenyummeessaa Fayda (ID) keessanii galchuun sooftikooppii ID keessanii maxxanfamuu danda'u argadhaa.

  • Galmee erga xumurtanii garuu immoo lakkoofsi addaa Fayda ergaa gabaabaadhaan isin hin qaqqabne yoo ta’e
  • Lakkofsi addaa Fayda keessanii yoo isin jalaa bade
  • teeleebirrii Suuppar Aappiin miinii aappii Fayda irratti waraqaa eenyummaa keessan bifa dijiitaalaan argachuu yoo hin dandeenye ahttps://id.et/help xuqudhaan komii keessan waraqaa eenyummaa biyyooleessaatiin gahadhaa ykn 9779 tti bilbilaa

0
Galmee waliigalaa karoorfamee
0
Karoora dhuma bara 2018
0
Avireejjii galmee ji'aa

  1. Eenyummeessaan Dijiitaalaa ‘Fayda’ maali? Faayidaan isaa hoo?

Eenyummeessaan Dijiitaalaa Biyyoolessaa sirna eenyummeessaa namoonni dhuunfaa eenyummaa isaanii akka mirkaneessan taasisu yoo ta’u, tajaajila kennitootaaf mirkaneessaa dijitaalaa yeroo qabatamaa ta’e kan kennudha.

Faayidaan isaas ;-

  • Ragaa eenyummaa sirrii, seera qabeessa ta’ee fi bu’uura “mirga beekamuu” kan kennudha.
  • Naannoo hundaatti hawaasaa sadarkaa galii irra jiranii fi babal’ina magaalaa keessatti hammataman sirna eenyummeessaa haqaan akka argatan kan taasisudha.
  • Yeroo eenyummaan baayoomeetirii (ashaaraa) irratti hundaa’e jiraatu, Kaardii ykn ragaan nama tokkoo yoo bade, eenyummaan namaa baduu jechuu miti,
  • Daldalaa tajaajila kennuu fi maamila gidduutti bittaa fi gurgurtaan yeroo taasifamu amanamummaa kan dabalu yoo ta’u, kunis kenniinsa tajaajilaa gahumsa qabu uuma.
  • Gama Diinagdee, Hawaasummaa fi Imaammata biyyattii hundaan itti gaafatamummaa fi iftoomina ni jajjabeessa.
  1. Eenyutuu Eenyummeessaa Dijiitaalaa ‘Fayda’ argachuuf gahaadha ykn ulaagaa guuta?

Jiraataan seera qabeessi Itiyoophiyaa kamiyyuu eenyummeessaa Dijiitaalaa ‘Fayda’ argachuuf ulaagaa ni guuta. Akka wixinee labsichaatti jiraataan "nama uumamaan ykn seeraan Itiyoophiyaa keessa jiraatu, lammummaa Itiyoophiyaa qabaachuus ta'e kan hin qabne jechuudha, lammiin biyya alaa akkaataa seera biyyattiitiin Itiyoophiyaa keessa jiraatu ykn hojjetu” dha.

Kunis: -

  1. Daa'imman umuriin isaanii waggaa 5 ol ta'e galmaa'uu ni danda'u. Daa'imman umuriin isaanii waggaa 5 gadi ta'eef yeroo dhiyootti sagantaa galmee addaa ni jalqabna.
  2. Uummata Itiyoophiyaa fi kan Itiyoophiyaa hin taane ragaa jireenyaa kan qaban.
  3. Ragaa teessoo mana jireenyaa qabaachuu fi dhiisuu isaanii; Jireenyi isaanii Itiyoophiyaa ta’ee" akka labsii kanaan" kan kennameef.
  4. Namoonni bakka jiraatan sanada tokkollee hin qabne, nama waraqaa eenyummaa dijiitaalaa qabu ragaa fiduudhaan galmaa’uu ni danda’u.
  5. Namni galmaa’uuf ulaagaa guutuu qabu kamiyyuu ragaa eenyummaa sirrii ta’e akkaataa id.et/proof irratti ibsametti dhiyeessuu qaba.
  6. Eenyummeessaa Dijiitaalaa ‘Fayda’ eessatti galmaa'uun danda'ama?

Lammiileen tajaajila kanaaf ulaagaa guutan wiirtuuwwan tajaajila Itiyoo Telekoom fi michoota hayyama qaban biratti galmaa’uu ni danda’u. Odeeffannoo baayoomeetirii(ashaaraa) kennuu waan si irraa eegamuuf, tajaajilichaaf qaamaan argamuun si irraa eegama.

  1. Eenyummeessaa ‘Fayda’ argachuuf hangam kaffaluun qaba?

Eenyummeessaa (ID) dijitaalaa bilisaan galmaa'uu dandeessu. Akka labsii Eenyummeessaa Dijitaalaa Itiyoophiyaatti ergaa barreeffamaatiin "lakkoofsa eenyummeessaa ‘Fayda’" kan milkaa'inaan galmaa'uu kee ibsu ni argatta. Kana jechuun "Eenyummeessaa ‘Fayda’" mirkanaa'e qabda jechuudha. Haa ta'u malee, waraqaa eenyummaa dijiitaalaa ‘Fayda’ maxxanfame yoo barbaaddan maxxansuuf kaffaltii kaffaluun isin irra jiraata.

  1. Eenyummeessaa Dijiitaalaa ‘Fayda’ galmaa'uuf yeroo hangamii fudhata?

Eenyummeessaa Dijiitaalaa ‘Fayda’ galmaa'uuf odeeffannoon hundi guutuu yoo ta'e. giddu galeessaan daqiiqaa 5 hanga 10 fudhata,

  1. Lakkoofsa eenyummeessaa ‘Fayda’ argachuuf yeroo hangamii fudhata?

Erga galmee kee milkaa’inaan xumurtee booda adeemsi odeeffannoo kee mirkaneessu daqiiqaa muraasa ykn guyyoota muraasa fudhachuu danda’a. Lakkoofsi addaa eeenyumeessaa ‘Fayda’ lakkoofsa mobaayilaa yeroo galmee galmooftan irratti isiniif ergama. Lakkoofsi galmooftan teessoo addaa kan jijjiiramuu hin dandeenye waan ta'eef yeroo galmooftan of eeggannoo godhaa.

Odeeffannoo keessan siistamatti harkaan galchuu fi mirkaneessuun guyyoota muraasa kan fudhatu yoo ta’u, harkifannaan yoo jiraate illee lakkoofsi mirkaneessaa keessan karaa ergaa barreeffamaa 9779 ykn National ID Ethiopia jedhuun isiniif ergama.

  1. Erga galmaa’een booda odeeffannoo koo sirreessuu nan danda’aa?

Maamiltoonni odeeffannoo dhuunfaa isaanii yeroo barbaadanitti sanadoota mirkaneessuuf gargaaran toora intarneetii irratti galchuun ykn qaamaan dhiyeessuun sirreeffachuu ni danda’u. Tajaajilli kun yeroo murtaa'e booda kan jalqabu yoo ta'u yeroo kanatti daataan haaromfamuu hin danda'u.

 

  1. Galmeedhaaf sanadoonni barbaachisan maal fa’i?

Teessoo mana jireenyaa amma jiruu fi ragaan eenyummaa ni barbaachisa. Kanneen akka: -

  • Waraqaa eenyummaa Gandaa, paaspoortii, hayyama konkolaachisummaa fi waraqaa eenyummaa nama dhuunfaa seeraan fudhatama qabu kan biroo akka ragaatti dhiyeessuun ni danda’ama. Bal'ina isaaf as tuqaa id.gov.et/proof
  • Namni dhuunfaa galmeedhaaf sanada sirrii ta’e dhiyeessuu yoo dadhabe, nama waraqaa eenyummaa dijitaalaa qabu ragaa fidee galmaa’uu ni danda’a.
  1. Lakkoofsa ‘Fayda’ yoon dhabe ykn dagadhe akkamittiin deebisee argachuu danda'a?

Odeeffannoo dhuunfaa ykn baayoomeetirii (ashaaraa) yeroo galmee guutame kennuu fi bakka galmee naannoo keessan jiru deemuudhaan lakkoofsa ‘Fayda’ keessan argachuu ni dandeessu. Kana gochuudhaan lakkoofsa eeenyummeessaa ‘Fayda’ keessanii karaa ergaa barreeffamaa ykn marsariitiiwwan galmee salphaatti argachuu ni dandeessu.

Tajaajilli kun yeroo dhiyootti kan eegalamu yoo ta'u yommuu tajaajilichi jalqabu isin beeksifna.

 

 

  1. Waraqaa Eenyummeessaa Dijiitaalaa ‘Fayda’ galmaa'uun dirqamaa?

Eenyummeessaa Dijiitaalaa ‘Fayda’ galmaa’uun mirga malee dirqama miti. Haa ta'u malee, akka seera Eenyummeessaa Dijitaalaatti: "Qaamni kamiyyuu tajaajila kennuudhaaf eenyummeessaa dijitaalaa dirqama taasisuudhaaf mirga seeraa qaba."

  1. Lammiileen biyya alaa Eenyummeessaa dijiitaalaa (ID)argachuu ni danda'uu?

Eeyyee; Lammiileen biyya alaa seeraan Itiyoophiyaa keessa jiraatan waraqaa eenyummaa dijiitaalaa argachuu kan danda’an; waraqaa eenyummaa mana jireenyaa isaanii, paaspoortii ykn sanadoota kanaan walqabatan biroo fayyadamuun argachuu danda’u.

  1. Eenyummeessaa Dijiitaalaa ‘Fayda’ koo yeroon isaa ni dhumataa?

Eenyummeessaan Dijiitaalaa lakkoofsa addaa umurii guutuu nama dhuunfaa ti. Haa ta’u malee, odeeffannoon kaardii fi baayoomeetirii(ashaaraa) yeroo yerootti haara’uu qaba. Yeroo ammaa kana odeeffannoon kaardii fi baayoomeetirii waggaa kudhan kudhaniin  haaromfama.

 

  1. Sadarkaa Naannootti yoom galmee eegaltu?

Waggaa tokko itti aanu keessatti magaalota naannolee fi magaalota filatamoo hunda keessatti ni eegalama. ALA Dhuma bara 2025tti namoota sadarkaa galii adda addaa qabaniifi hawaasa babal’ina magaalaa keessatti hammataman miiliyoona 90 galmeessuuf karoorfameera.

  1. Akkamittiin Eenyummeessaa dijiitaalaa ‘Fayda’ maxxanfame argachuu danda’a?

Akka labsii Eenyummeessaa Biyyoolessaatti Eenyummeessaan Dijitaalaa lakkoofsa eenyummaa addaa nama dhuunfaaf kennamu yoo ta’u lakkoofsi kun erga galmee keessan xumurtanii sa’aatii muraasa keessatti ykn guyyoota muraasa keessatti lakkoofsa moobaayila keessaniin bilisaan isiniif ergama. Yeroo eenyummeessaa dijitaalaa isin gaafattan lakkoofsa addaa kana kennuudhaan tajaajila kamiyyuu argachuu dandeessu.

Yeroo dhiyootti waa'ee jalqabbii tajaajila maxxansa Eenyummeessaa dijitaalaa (ID) isin beeksifna. Garuu eenyummeessaa keessan maxxanfamuuf qophaa'e teeleebirrii SuupparAppii irratti lakkoofsa addaa eenyummeessaa keessanii fayyadamuun argachuu dandeessu.

  1. Waraqaan eenyummaa Gandaa eenyummeessaa dijiitaalaa ‘Fayda’’tiin bakka ni bu'aa? Walitti dhufeenyi isaanii hoo maali?

Bakka hin bu’u; Waraqaan eenyummaa jiraattota magaalaa fi naannoo , hoogganaa naannootiin kennama. Garuu eenyummeessaan dijiitaalaa ‘Fayda’ sadarkaa biyyaatti kennama. "Gandaa" fi "Fayda" lamaan harka wal qabatanii akka hojjetan gochuuf  hojjetamaa jira. Eenyummeessaan dijiitaalaa ‘Fayda’ bu'uura eenyummaa mirkaneessuu yoo ta'u, Waraqaan eenyummaa gandaa ammoo waraqaa eenyummaa dalagaa (tajaajila argachuuf faayidaa qaba). Eenyummaan dijiitaalaa eenyummaa addaa nama tokkoo yoo ta’u, bakka jireenyaa kamiyyuu osoo hin daangessiin, qaama hayyamameen biyyattii keessatti bakka kamittuu kennamuu danda’udha. Gama biraatiin immoo waraqaa eenyummaa gandaa aargachuun kan danda'amu ganda keessa jiraatanitti qofa.

Zonal   SCs Selected for NID Phase 1      
Region SCs Latitude Longtude
CER Harar 2 9.3116864 42.1270368
CNR Debre Birhan 9.6786142 39.5328828
CNR Fitche 9.7809652 38.7374429
CNR Legtafo 9.0717716 38.8945111
CWR Ambo 8.9822737 37.8635621
CWR Sebeta 8.9114933 38.6229166
EER Jigjiga 1 9.350944 42.8122418
ER Dire Dawa1 9.6051208 41.8562975
NEER Semera 11.7919933 41.0102049
NER Dessie 11.118136 39.633081
NER Kombolcha 11.086118 39.7378722
NNWR Gondar 1 12.6120°N 37.4698° E
NNWR Azezo 12°33'23.9"N 37°25'46.9"E
NR Mekele - 1 13.488151 39.470106
NR Mekelle -2 13.497 39.4766
NWR Bahir Dar 1 11.5999372 37.371938
NWR Abay-Mado 11.60045 37.42676
SER Adama bole 8.5528881 39.2780336
SER Bishoftu 1 8.7486799 38.9822811
SR Hawassa 1 7.0477474 38.4882418
SR Hawassa 2 7.0524472 38.4710576
SR Shashemene 7.1898968 38.5879825
SSWR Wolayta Sodo 6.8502888 37.7632836
SSWR Hossana 7.551939 37.852639
SSWR Welekite 8.291126 37.781985
SWR Jimma 1 7.6756709 36.8290054
SWR Bonga 7.2658264 36.2449373
SWR Mizan 6.9987729 35.5874085
SWWR Gambella 8.2522527 34.5891079
WR Nekemte 9.0887599 36.5508229
WWR Assosa 10.0628836 34.537877
CAAZ Weha Lemat 9.0142285 38.7811299
CAAZ Lideta 9.011317 38.734482
CAAZ Stadium 9.0119302 38.7544027
EAAZ Bole Medanialem 8.9949221 38.7901214
EAAZ Gerje 8.9948106 38.8135386
EAAZ Ayat/CMC 9.0116 38.85489
NAAZ 6 killo 9.0417156 38.7668494
NAAZ Gurdshola 9.019497 38.8195842
NAAZ Shiro Meda 9.0609024 38.7608034
SAAZ Saris 8.952933 38.7630228
SAAZ Kaliti 8.901103 38.768566
SAAZ Akaki 2 8.8625291 38.7934422
SWAAZ Jemo 8.9609837 38.7145912
SWAAZ Lebu 8.9488507 38.7286999
SWAAZ Betel 9.0016284 38.6915788
WAAZ Arada 9.0392374 38.751876
WAAZ Kolfe 9.0398205 38.71353
WAAZ Burayou 9.07629 38.67579
TPO TPO 9.024834 38.751978