Tajaajila enderas banachuu fi itti fayyadamuuf Tumaalee fi dambiiwwan

  1. Waliigaltee

1.1.             Waliigalteen kun waliigalteewwan guutuu fi dambiiwwan tajaajila enderas(kana booda “tumaalee fi dambiiwwan kunneen” jedhamuun beekamu).1.2.             Tumaalee fi dambiiwwan kunneen, akkasumas fooyya’iinsii fi jijjiiramni Kanaan wal qabatan maamilli liqaa fudhatu dubbisee erga fudhatee booda filmaata (“waliigaleera” jedhu cuqaasuun) hojiirra ni’oola.

  1. Hiikkaa

Jechoonni tumaalee fi dambiiwwan kanneen keessatti argaman hiikoo armaan gadii niqabaatu.

  • Baankiin daldalaa Itiyoophiyaa” dhaabbata Itiyoo telekoom waliin ta’uun maamiltoota teeleebirriif tajaajila faayinaansii maamiltoota teeleebirriif kennuuf waliigaledha.
  • “Itiyoo telekoom” jechuun baankii daldalaa Itiyoophiyaa waliin ta’uun tajaajila faayinaansii moobaayilii maamiltootasaanii teeleebirriif kennuuf kan waliigale sanada kafaltii kan kennudha.
  • Baankii biyyaalessaa Itiyoophiyaa” jechuun akkaataa lakkoofsa labsii 25591/2008 hundaa’e to’achuuf aangoo kan qabudha
  • “Teelee birrii” jechuun tajaajiloota faayinaansii moobaayilii Itiyoo telekoomii, kanneen akka kuusaa bilbila moobaayilii, erguun, fudhachuun liqaa maaykiroon, maaykroo inshuraansii, sooramaa fi tajaajila qusannoo maaykiroo argachuuf nigargaara.
  • “Akkaawuntii teeleebirrii” jechuun gatii kuusaa maallaqa moobaayilii keessanii kan agarsiisu yemmuu ta’u, baay’ina maallaqa elektirooniiksii Itiyoo telekoom yeroo yerootti siistama teelee birriikeessaa qabdanidha.
  • “Tajaajila liqaa xixiqqaa” jechuun tajaajila faayinaansii baankii daldalaa Itiyoophiyaatiin kennamu yemmuu ta’u, maamiltoonni teeleebirrii akkaataa tumaalee fi dambiilee armaan gadiitiin karaa chaanaalii teeleebirrii tajaajila liqii akka argatan isaan taasisa.
  • “Tajaajila liqaa mindaa” jechuun tajaajila liqaa hojjettoota dhaabbilee
  • mootummaa fi dhuunfaaf mindaansaanii tajaajila teelee birriin kafalamuuf
  • Baankii daldalaa Itiyoophiyaan kennamudha.
  • “Maamila” nama dhuunfaa tajaajila faayinaansii moobaayiliif galmaa’e
  • “E-Money” jechuun maallaqa calla erraga maamiltoota teeleebirrii keessatti argamu gatii maallaqa elektirooniiksii walqixaa qabudha.
  • “sihi” ykn “kan kee” jechuun maamila dhuunfaa yemmuu ta’u bakka bu’aa nama dhuunfaa kan ofkeessaa qabudha.
  • “nuyi” “kan keenya” fi “nu” jechuun kan armaan gadiiti
  • “Kafaltiiwwan gabaa” Kafaltii mijeessaa, kafaltii bakka ga’umsaa, adabbii fi
  • kafaltiiwwan tajaajila faayinaansii liqaa maaykiroof kafalaman biroo
  • ofkeessatti qabata.
  • “Kafaltii mijeessitootaa” jechuun kafaltii tajaajila enderasItiyoo telekoomiin karaa teeleebirrii maamiltoonni kafalanidha.
  • “Kafaltii adabbii” jechuun kafaltii maamiltoonnisaanii waadaa galan yeroon yoo hinkabajne kafalanidha.
  • “Guyyaa itti raawwatamu” jechuun yeroo murtaa’ee mallattoon itti taasifame (yeroo liqii hojiirra jiru),
  • “liqaa hamaa” jechuun baay’ina liqaa akkaataa sagantaa kan hinsassaabamnee fi guyyaa tokkoof ykn Sanaa ol darbe jechuudha.
  • “Liqaawwan hinkafalamne” tajaajila liqaa yeroon kafaltii waliigaltee guyyoota 90 darbe dha.
  • “Nama dhuunfaa” kan jedhu dhiiraafis dubartiifis nitajaajial.
  1. Tumaalee fi dambiiwwan fudhachuu
    • Tajaajila enderasfayyadamuuf iyyannoo dhiheeffachuun dura tumaalee fi dambiiwwan kanneen sirriitti dubbiftanii itti fayyadama adda baaftuuliqqaa maaykiroo fi akkaataa itti hojjetu to’achuu danda’uu qabdu.
    • Tumaalee fi dambiiwwan kanneenirratti yoo walii hingalle meenuu jiran keessaa “haqi” isa jedhu cuqaasaa.
    • Tumaalee fi dambiiwwan armaan gadii akka dubbiftanitti, hubattanii fi fudhattanitti fudhatamtu.
  • Meenuurratti filannoo “waliigaleera” jedhu wayita cuqaaftan dubbiftanii akka hubattanii fi tumaalee fi dambiiwwan kanneen kabajuuf waliigaluu keessan akka mirkaneessitan kan isin gaafatu yemmuu ta’u, ykn tajaajila enderasfayyadamuun ykn fayyadamuu itti fufuu.
    • Tajaajila enderaskaraa elektirooniiksii qofa fudhattanii Itiyoo telekoomii waliin hojii daldalaa hojjechuu fi tajaajila enderaskaraa elektirooniiksii qofa hojjechuuf waliigaltaniittu.
    • Tumaalee fi dambiiwwan yeroo kamiyyuu Itiyoo telekoomii fi baankii daldalaa Itiyoophiyaatiin fooyya’uu nidanda’u. Haala Kanaan guyyaa Teeleebirrii, Poortaalii ykn marsariitiirratti maxxanfamanii bahanii kaasee maamilarratti kan hojjetan ta’a.
    • Karaa elektirooniiksii fudhatama erga argatee kaasee tumaalee fi dambiiwwan kunneen nuyii fi isin jidduutti waliigaltee seeraa dirqisiisaa ta’u. Mirgaa fi dirqama waliigaltee Kanaan qabdan nama biraaf dabarsuun hineeyyamamu.
    • Maamilli tokko liqaa kana hojiiwwan seera qabeessaaf oolchuuf walii nigala.
  1. Tajaajila enderashojii jalqabsiisuu
    • Tajaajila enderaskaraa Itiyoo telekoomii fi baankii daldalaa Itiyoophiyaa hojii jalqabsiisuuf yoo xinnaate.
      • Tumaalee fi dambiiwwan dubbisuu, hubachuu fi fudhachuu,
      • Umurii waggaa 18 fi isaa ol,
      • Siim kaardii Itiyoo telekoomii hojjetu qabaachuu qabdu,
      • Tajaajiloota teeleebirrii kanneen akka deetaa/sagalee/essi emmi essi kan fayyadamtan ta’uu,
      • Tajaajila siim kaardii fi teeleebirriif erga galmooftanii booda baatii sadiif neetwoorkii keessa jiraachuu qabdu,
      • Maamiltoonni tajaajila enderashojjechiisuuf ‘USSD’ *127# ykn teeleebirr suuppar aappii fayyadamuu qabu,
  1. Ulaagaalee ga’umsaa tajaajila enderasargachuuf gargaaran
    • Ulaagaan maamilli liqeeffachuuf isa dandeessisu kan murtaa’u guyyaa tajaajila liqaa maaykiroof gaaffiin dhihaateen dura baatiiwwan jaha keessatti bittaa fi gurgurtaa akkasumas itti fayyadama telekoomii irrattidha. Bittaa fi gurgurtaan teeleebirrii armaan gadii dandeettii liqeeffachuu maamiltootaa beekuuf nigargaaru.
      • Moobaayilii guuttadhaa
      • Qarqaboota bitachuu
      • Meeshaalee/tajaajiloota bitadhaa
      • Erraga kafalaa
      • Kafaltii faayidaa
      • Baasii jumlaa
      • kan ergame fudhadhaa
      • Tikeetii bitachuu
      • Kafaltii sassaabbii maallaqaa
      • Maallaqa calla biyya alaa fi biyya keessaa
      • Maallaqa ergi
      • Liqaa kafaluu
      • Qusachuu
    • Fayyadama telekoomii kanneen akka sagalee,deetaa,fi esi emmi essii

kkf

  • Maamiltoonni liqaa fooyyee qabu argachuuf tajaajiloota teeleebirriin alatti tajaajiloota telekoomii fayyadamuu qabu.
  • Haata’u malee liqaa mindaaf mindaa karaa teeleebirrii fudhachuun qofti gahaadha.
  1. Amma liqii fi kafaltiiwwan
    • Amma liqaa xiqqaa fi guddaa jidduu kan jiru amma barbaaddan liqeeffachuu nidandeessu
    • Liqii gaafatame ni argattu, gara adda baaftuuteelee birrii muummeetti(akkaawuntii maallaqa elektirooniiksii maamilaatti )galii ni taasifama.
    • Liqaa kan biraa argachuuf jalqaba liqaa Kanaan duraa kafaluu qabdu.
    • Liqaa fudhattan walakkaan ykn guutummaatti kafaluu nidandeessu.
    • Liqaa deebisuun kan xumuramu akaakuu liqaarratti hundaa’ee guyyaa liqaa fudhattanirraa kaasee guyyoota 10, 25 fi 60 tti ta’a.
    • Liqii Guyyoota 10‘f daangaan liqii qarshii 4,000, kan guyyoota 25‘f daangaan liqii qarshii 10,000 fi kan guyyoota 60’f daangaan liqii birrii 15,000 yoo ta’u kaffaltiin tajaajila tartiibaan %4, %9 fi %21 ta’a.
    • Kafaltiin mijeessa liqaa mindaa baatii tokkoo yeroo kafaltii baatii sadii waliin dhibbantaa 10ni.
    • Kafaltiin mijeessaa liqaa mindaa baatii tokkoo yeroo kafaltii baatii afurii waliin dhibbantaa 14.
    • Liqaan mindaa baatii walakkaa yeroo kafaltii baatii lamaa waliin dhibbantaa 8.
    • Kafaltiin mijeessaa liqaa mindaa kurmaana baatii yeroo kafaltii baatii tokkoo waliin dhibbantaa 4.
    • Guyyaa yeroon itti darbee booda kafaltii wayita raawwattan guyyaatti dhibbantaa 0.5 nikafaltu.
    • Guyyaa erga darbee booda yoo hin kafalle liqeessaan baay’ina liqaa hafe erraga maallaqa elektirooniiksii keessan irraa battalatti nifudhata.
    • Bonasiin/onnachiiftuun kafaltii tajaajila liqaa maaykiroof hin oolu.
    • Baankiin daldalaa Itiyoophiyaa Itiyoo telekoomii waliin ta’uun tajaajila liaa kana nikenna. Baankiin daldalaa Itiyoophiyaa maallaqa tajaajila liqaa kennuuf oolu abbummaan nito’ata.Liqaan ture ykn hinkafalamne wayita mudatu mana murtii idileetti himachuuf  aangoo guutuu qabna.  Walfalmii alatti filannoowwan biroo hordofuuf bilisummaa qabna.
    • Baankiin daldalaa Itiyoophiyaa ‘NPL” erraga baankii maamiltootaarraa sassaabuuf mirga qaba, kanaaf falmiin ala filmaatota hordofuuf bilisa.
  2. Seera ittiin bulmaataa

Seeronni federaalaa Itiyoophiyaa, qajeelfamoonni baankii biyyaalessaa Itiyoophiyaa, akkasumas hojmaatonni baankii daldalaa Itiyoophiyaa fi Itiyoo telekoomii seera qabeessa ta’an tumaalee fi dambiiwwan kana ni to’atu.

  1. Gaaffilee

Gaaffilee tajaajilaa, adeemsaa, walii galtee fi haalawwan tajaajila liqaa maayikiroon walqabatan kamiyyuu karaa jiddu galeessa quunnamtii maamiltoota  teeleebirrii (127 irratti bilbiluun) argachuu nidandeessu.

  1. Addaan kutuu

Tajaajilootaqusannoo fi liqaa xiqqaa kamiyyuu sababa  itti fayyadama hinmalle ykn waliin dhahuutiin ofeeggannoo dursaa malee ykn beeksisa osoo hin baasiin waliigaltee kana guutummaatti ykn walakkaan dhaabsisuuf mirga qabna. Addaan cituu waliigaltee kanaa mirgootaa fi dirqamoota  kuufamaa qaamota lamaanii guutummaatti ykn walakkaan tuquu hindanda’u.

  1. Komeewwan

Komeewwan qaamaan, barreeffamaan, karaa poostaa, faaksii,Imeelii ykn bilbilaan dhihaachuu nidanda’u.Itiyoo telekoom komeewwan yeroosaaniitti hiikuuf tarkaanfilee hunda nifudhata. Deebii kennametti yoo hinquufne dhimmicha baankii daldalaa Itiyoophiyaa fi baankii biyyaalessaa Itiyoophiyaan geessuu nidandeessu.

  1. Furmaata Falmii

Waldhabdeen waliigaltee Kanaan walqabatee ka’u kamiyyuu akkaataa keewwata 10 armaan oliitiin furmaata hin arganne mana murtii federaalaa Itiyoophiyaa dhimmi ilaaluuf dhihaachuu qaba.

  1. Dhala ugguruu

Idaan maallaqaan, meeshaa, wabiin ykn meeshaaleen qaalii eegumsa nageenyaaf cheekiiwwan dhihaatan, erragoonni fi kamiyyuu dabalatee yoo isinirra jiraate qabeenya keessan isin harka jirurratti idaa walii gala niqabaanna. Haalota mirga gadlakkisuu  qabeenya socho’uu fi hin sochoone biroo nuu kennan keessatti idaan yoo isinirra jiraate qabeenyi ugguraan qabame kamiyyuu bakka idaa akka qabametti lakkaa’ama.

  1. Dhaabuu

Beeksisa erga baafnee booda erraga teeleebirrii keessan erraga keenya nu waliin wal qabatan waliin walitti makuun ykn maallaqa kan ammaa, liqaa, qusannaa, maallaqa kuusaa, walii galtee afaanii, kan walii ykn akaakuu biroo fi fi sana booda maallaqa kireediitii keessanirratti qabame kamiyyuu kafaluu nidandeenya

  1. Dhareessuu

Piiniin keessan iccitiin qabamuu qaba. Isiniin ala eenyuyyuu harka galuu hin qabu. Rakkoolee Piinii ibsuun, akkaawuntiin teeleebirrii hineeyyamamne, bilbilli moobaayilii ykn siim kaardii hin eeyyamamne fayyadamuu, kasaaraa ykn hanna beeksisuu dhabuu ykn piiniikeessan yeroo yerootti jijjiiruu dhabuun dhufan itti gaafatamni kan keessani.