Gabaasni kun akka lakkoofsa Awurooppaatti yeroo raawwii Amajjii 1/2022 amma Mudde 31/202tti jirudha

Bu’urri misoomaa fi tajaajilli telekoomii guddina haawaas dinagdee biyyattii dadammqsuun beekamaa jira. Beekumsii fi shoorri olaanaa Itiyoo Telekoom guddina walii gala fi badhaadhina biyyaa keessatti qabu, pirojektoonni gurguddoonni kaampaaniin keenya bu’uura misoomaa telekoomii fi siistama babal’isuuf hojjechaa jiru, qulqullina tajaajila fooyyessaa fi faayidaa telekoomii hawaasa biraan gahaa jira.  Wayita ammaa tajaajila telekoomii si’ataa fi itti fufiinsa qabu  kennuun dorgomaa fi filatamaa akkasumas gabaa telekoomoo keessatti guddina barbaadamuun gahuuf cimnee hojjechaa jirra.

Itiyoo Telekoom tarsiimoo riqichaa waggoota sadan darban hojiirra oolaa ture guddina gama maamiltootaan bu’aa guddaan %75.6n, gama galiin guddina %76, gama galii sharafa alaan %104, bu’aa qulqulluu %142 argachuun raawwatee xumuruun bara bajataa haaraa jalqabuun tarsiimoo guddinaa waggaa sadii ‘LEAD’ jedhamu A.L.Atti Adoolessa bara 2022 irraa kaasee tajaajiloota shiboon alaa tajaajiloota dijitaalaa fi faayinaansii akkasumas hojii guyya guyyaa dhaabbilee fi namoota dhuunfaa salphisuuf milkaa’inaan hojjii eegaleera.

Barri bajataa kun waggaa tokkoffaa tarsiimoo ‘LEAD’ yemmuu ta’u, yeroo baatii jaaha keessatti maamiltoota keenya miiliyoona 70n gahuun karoora maamiltootaa %98.6 raawwachuun % 15.1 dabaluun maamiltoota miiliyoona 9.2 bara bajataa darbe yeroo walfakkaataarratti dabaluuf hojjetamaa jira. Maamiltoonni moobaayilii fayyadaman miiliyoona 67.7 gahaniiru, Kanneen deetaa fi Intarneetii fayyadaman miiliyoona 31.3, Kanneen bilbila shiboo fayyadaman 862.2K  fi Biroodbaandii abbaa shiboo kan fayyadaman 566.2K.,walitti hiiqinsi telekoomii % 65.7 irra gaheera.

Yeroo kanatti, gama galiitiin karoora % 96 qabame keessaa, birriin biiliyoona 33.8 argameera, bara bajataa darbeen yoo madaalamu %19.9(birrii biiliyoona 5.62) caalmaan argameera. Galiin kunis akaakuu tajaajilaa, galii walii gala keessaa eenyummeessaa sagalee moobaayilii %47.4, deetaa fi intarneetiin galii walii gala keessaa gahee %28, gaheen biizinasii idil addunyaa %8.4, eenyummeessaa tajaajila taaksii dabalataa %6.5 qoonni bu’uura misoomaa %2.2, kan hafe %7.5 maddeen biroorraa kan argamedha. Yeroo jedhame keessatti sharafni alaa doolaara Ameerikaa miiliyoona 64.8 biizinasii idil addunyaarraa argamuusaa fi kunis karoora qabame keessaa %90 raawwatameera.

Milkaa’inni kun kan kan argame hojii babal’isa cimdaa fi hojii gaarii itti quufiinsaa fi muuxannoo maamiltootaa guddisuuf hoojjetameen, oomishootaa fi tajaajiloota biyya keessaa fi alaa haaraa 50fi kan haaromfaman 41, walumaa gala 91 dhiheessuuni.

Kana malees, hojiileen pirojektii bu’ura misoomaa hojii keenya bal’isuu fi cimsuu danda’an 228, uwwisa cimdaa fi dandeettii  kaampaanii keenyaa dabaluuf gargaaran, hojiiwwan uwwisa cimdaa fi dandeettii dabalan hojjetamuun dandeettii tajaajilaa maamiltoota dabalataa miiliyoona 5 horachuuni. Tajaajilli moobaayilii 5G magaalaa Adaamaatti jalqabamuunsaa hojiiwwan murteessoof kan gargaaruu fi  teekinooloojiiwwan addaddaa dhugoomsuuf gargaareera.

Yaalii hunda galeessaa filmaata galii babal’isuuf kaampaanii keenyaan hojjetamaa jiruun dabalataanis kaampaaniin keenya caalaatti bu’a qabeessa akka ta’u, bara bajataatti tarsiimoo baasii qusachuu (DO2SAVE & cost optimization strategy)  baasuun hojiirra oolchuun baasii hin malle hambisuun birrii biiliyoona 3.5 hambisuun karoora keessaa %134 arganneerra.

Fedhii tajaajila faayinaansii dijitaalaa guutuu fi faayinaansii keessa galuu mirkaneessuuf teeleebirrii jalqabuun keenya, maamiltoota miiliyoona 27.2 fi birrii biiliyoona 166.1, baatii jaaha keessatti birrii biiliyoona 82.5 arganneerra.

Bakka bu’oota fi daldaltoota kenniinsa tajaajilaa namoota hedduuf kennan gochuu  fi tajaajila teeleebirrii guddisuuf jiddugaleessota 372 fi bakka bu’oota ogeeyyota 112 qacaruun, bakka bu’oota kuma 98.8 fi daldaltoota kuma 25.5n tajaajila kennaa jirra.

Dabalataanis baankiiwwan 18 waliin walitti hidhiinsi taasifamuusaatiin maallaqa baankiirraa gara teeleebirriitti dabarsuun danda’ameera. Akkasumas baankiiwwan 15 waliin maallaqa teeleebirriirraa  gara baankiitti dabarsuunis akkasuma. Tajaajila maallaqa karaa teeleebirrii dabarsuu eegaluu keenyaan, akkasumas dhaabbilee karaa idil addunyaa maallaqa  dabarsan waliin walitti hidhiinsa uumuu keenyaan, jiraattonni biyyoota 44 keessa jiraatan maallaqa gara biyyaatti erguuf carraa gaarii argataniiru. Haala kanaan baatii jaaha darbe doolaara Ameerikaa kuma 19.6 argachuun danda’ameera.

 Walumaa gala dhaabbileen 214 kafaltiisaanii teeleebirriin walitti hidhiinsa uumuun tajaajila kennaa jiru. Kanneen keessaa duggomaan boba’aa biyyaalessaa, paarkii tokkummaa, fi kafaltiin tikeettii seensa paarkii michoomaa boqonnaa 2, boordiin akkaawuntiingii fi odiitii Itiyoophiyaa,ministeerri dhimma alaa, ministeerri innoveeshinii fi teeknooloojii, ministeerri daldalaa fi walitti hidhiinsi riijinii, tajaajilli godaantotaa fi dhimma lammummaa, daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa tajaajilli elektiriikii Itiyoophiyaa, biiroon galii bulchiinsa magaalaa Finfinnee lootariin biyyaalessaa Yunivarsiitiin saayinsii fi teeknooloojii Adaamaa, univarsiitiin Madda Walaabuu dhaabbilee mootummaa isaan gurguddoo kafaltiisaanii karaa teeleebirrii raawwatanidha.

dha.

Dabalataanis, tajaajiloonni mootummaa 127 kafaltiisaanii karaa siistama dijitaalaa raawwachaa jiru.

Karaa biraa, kaampaaniin keenya raawwachiiftota pirojektootaa walitti dhufeenya gaarii, amanamoo nu waliin hojjetaniif kafaltii birrii biiliytoona 3.4 yka doolaara Ameerikaa miiliyoona 60.8 taasiseera.

Yeroo kana keessatti guddina ittifufiinsa qabu mirkaneessuuf, hojiin dandeettii cimsuu hedduun hojjetameera, leenjii kallattii dabalatee hojjettoota 9,000 oliif, leenjiin dijitaalaa hojjettoota 14,000 oliif kennameera. Kaka malees, guddina tarsiimoo fi hojmaataa keessatti hirmaannaan hojjettootaa, haala naannoo hojii mijaa’aa fi nageenyasaa eeguun fi sirni jajjabeessituu addaddaa hojiirra oolaniiru.

Itti gaafatama hawaasummaa ba’uu guddina walii galaa keessatti hirmaachuunis hawaasa, naannawaa fi qooda fudhattootarratti hojii gaarii hojjechuu  itti fufneerra.  Pirojektiin keenya CSR guddina bu’uraa magaalota yeroo dheera kanneen akka barnootaa, fayyaa, qonnaa, eegumsa naannoo cimsuurratti kan xiyyeeffatedha. Rakkoo hawaasaa furuu akaakuun, maallaqaa fi tajaajila kennuub birrii miiliyoona 294 gumaachineerra. Miirri wal deeggarsaa kun hojjettoota keenya guutuu biyyattii jiran birattis mul’achuun sochii tola ooltummaa taasisaniin deeggarsa namoomaaf birrii miiliyoona 2.9 gumaacha taasisaniiru. Tajaajilli meeshaalee addaddaa, dhiiga arjoomuun, hojiin kenniinsa tajaajilaas kanneen raawwatanidha.

Yeroo kana keessatti rakkoon nageenyaa, babal’isaa fi ammayyeessuu pirojektootaa irratti, dhiheessii walitti hidhiinsaa, dhiibbaan daballiin gatii fi galii rakkoolee numudatan keessaayyu. Kana malees hanni shiboorratti raawwatamu, bu’aa bahiin humna ibsaa, fi hojii babal’isuuf kafaltiin beenyaa turuunsaa rakkoolee nuquunnaman isaan gurguddoodha.

Milkaa’inni kun kan argame hoggantoonnii fi hojjettoonni keenya Itiyoo telekoom filatamaa akka ta’uuf kutannoo agarsisisaniini. Biizinasii kana adeemsisuuf ciminnii fi qindoominni garee gaggeessaa  rakkoo kana damdamachuuf taasise akka fakkeenyaatti kan fudhatamudha.

Xumurarratti, maamiltoota, kanneen nuwaliin hojjetan, fi qooda fudhattoota keenyaaf teeknoloojii haaraa babal’isuuf, oomishaa fi tajaajiloota haaraa kennuuf sochii taasifne keessatti nuwaliin ta’uusaaniif  galata guddaa qabna. Kun ammoo karoora bara haaraa qabanne galmaan akka geenyu akka nugargaaru ibsuu barbaanna.

 

Amajjii 12, 2023

Share This Post:

Share on facebook
Share on telegram
Share on twitter
Share on linkedin

Follow Us

Recent Posts

Archives