Sheer pilaanii moobaayilii
Karoora Moobaayilii Qooddachuu

Tajaajila dhaabbileen hojjettoota bilisummaan fayyadamoo tajaajila kanaa taasise baay’ina qarqabaa isaan barbaachisu murteessuu fi to’achuuf dandeessisudha. Miseensi qoodni gareen bulchuu kennameef to’achuu, tajaajila telekoomii tokkoon tokkoon miseensaaf baatiif barbaachisu akkasumas waliti hidhiinsa haala kafaltii waliin qaban murteessuu ni danda’a. Kana malees hojjettoonni tajaajiloota ramadameef dursanii xumuran yoo jiraatan fayyadamtoota biroorraa hir’isuun miseensota barbaachisuuf salphaatti dabarsuun ni danda’ama.

Discounted Offers

msp

type 

MSP 500

MSP

1000

MSP

2500

MSP

5000

MSP

10,000

MSP

20,000

MSP

50,000

MSP

100,000

MSP

500,000

MSP

1,000,000

MSP

2,000,000

FREE CUG

3,200

7000

19,125

45,500

91,000

187,500

Unlimited

Unlimited

Unlimited

Unlimited

Unlimited

FREE Data (GB)

4.4

10

27

58

120

250

630

1,750

6,573

17,500

35,000

FREE SMS

400

800

2,250

5,600

11,700

25,000

49,925

101,988

521,090

1,050,000

2,100,000

FREE Voice

1000

2,200

5,700

12,250

26,000

53,125

133,537

272,670

1,392,528

3,000,000

6,100,000

Maximum Member

4

8

15

35

65

125

200

500

1,500

5,000

10,000

Monthly FEE (ETB)

500

1000

2,500

5,000

10,000

20,000

50,000

100,000

500,000

1,000,000

2,000,000

Bulchaan garee dhaabbata keessaniin filatame baay’ina qarqabaa miseensotaaf qoodamu murteessuu, miseensota dabaluu akkasumas baasuu, lakkoofsota tajaajilaa miseensota hundaaf/filatamaniif haala kafaltii murteessuu, pilaanii kuma 50gadi yemmuu ta’u maqaa garee jijjiiruu akkasumas pilaaniiwwan kuma 100 ol ta’aniif hojjettoota jidduutti bilbiluuf kan gargaaru lakkoofsa gabaabaa filachuuf nidanda’a.

  • Gatii tajaajila telekoomii hir’ifni taasifameef
  • Lakkoofsa gabaabaa miseensota waliin walii bilbiluuf gargaaru
  • Tajaajiloota hir’ifama olaanaa qaban akkasumas bilbila tolaan miseensotaan bilbilamu
  • Qarqabni bilisaa itti hinfayyadamne baatii itti aanutti niceha
  • Fedhii dhaabbatichaatiin akka barbaachisaa ta’etti baay’inni qarqabaa miseensotaaf irra deebi’uun ramaduu,dabaluu ykn hir’isuu nidanda’a
  • 500 irraa kaaseefilannoo pilaanii moobaayilii qooduu 20 kan qabnu yemmuu ta’u, filannoowwan kanneen malees dhaabbileen bajata telekoomiirratti hundaa’uun birrii amma barbaadanii fi baay’ina hojjettootasaanii beeksisuun tajaajila sagalee,deeta, ergaa gabaabaa fi baay’ininni bilbila sagalee hojjettoota jidduutti taasifamu bilisaa qophaa’ee kan dhihaatuuf ta’a.

How to get the service?

Please contact our nearest Ethio telecom Shop.

Dambii fi tumaalee

  • Haala kafaltii lakkoofsota tajaajilaa murtaa’aniif ykn hundaaf qaamaan jiddu galeessa tajaajilli dhaabbatichaa itti kennamu dhaquun murteessisuun nidanda’ama.
  • Filannoowwan pilaanii moobaayilii qooduu hundi odeeffannoo barbaachisaa qabachuun jiddu galeessa keenya tajaajilli dhaabbataa itti kennamu dhiheenya keessan jiru qaamaan dhaquun gaafachuu nidanda’u.
  • Tajaajila dhaabbilee gurguddoo, maaykiroo fi xiqqaa, daldalaa fi tajaajila jiddugaleessaaf akkasumas maamiltoonni dhaabbataa bu’uraa pilaanii moobaayilii qooduuf 500 irraa amma pilaanoo qooduu moobaayiliif 50,000tti  galmaa’uuf gaafachuu nidanda’u.  
  • Maamiltoonni dhaabbata korporeetii hundi filmaata pilaanii qooduu moobaayilii50,000 ol galmeen iyyachuu nidanda’u.
  • Gareen pilaanii moobaayilii qooddatu tokko jiraachuuf yoo xinnaate tajaajila tokkoof galmaa’uu qaba. Maamiltoonni yoo barbaadan tajaajila pilaanii moobaayilii qooddachuu gara tajaajila biraatti jijjiiruu yoo barbaadan yeroo barbaadan jijjiiruu nidanda’u. Kun kan ta’u tajaajilli dura galmaa’an guutummaatti addaan cite tajaajilli haaraa nijalqaba. Tajaajila kana jijjiiruuf kafaltii malee yoo ta’u maamiltoonni gara jiddu galeessa tajaajila keenyaa qaamaan dhufanii taasisuu qabu
  • Pilaanoo moobaayilii qooddachuu sirna sii arri emmii fi I-keer dhaan bula.
  • Baay’ina miseensotaa olaanaa I-keer dhaan sirraa’uu kan hindandeenye yemmuu ta’u haata’u malee maamiltoonni jiddu galeessa tajaajila keenyaa qaamaan dhufuunakkaataa pilaanii filataniin baay’ina miseensaa eeyyamame murteessisuu nidanda’u.
  • Garee kan bulchu hojiilee armaan gaditti tarreeffaman raawwachuu nidanda’a
    • Maay’ina qarqabaa miseensota gareef qooduu
    • Mideensota hir’isuu/dabaluu
    • Tajaajiloota telekoomii tolaa miseensotarraa hir’isuu, dabaluu akkasumas irra deebi’uun ramaduu
    • Tajaajiloota pilaanii moobaayilii qooddachuu kuma 50 gadi jiraniif maqaa garee jijjiiruu
  • Lakkoofsa gabaabaa filannoowwan pilaanii moobaayilii qooddachuu kuma 100 ol ta’an kan miseensonni itti walii bilbilan murteessuu
  • Haaldureewwan fayyadamaa gatii tajaajila telekoomii hir’ifamni taasifame ta’uuf barbaachisan
    • Maamilichi miseensa /bulchaa cimaa garee moobaayilii qooddachuu ta’uu qaba
    • Pilaaniin moobaayilii qooddachuu miseensa itti ta’e yoo xinnaate tajaajila tokko kan galmaa’e ta’uu qaba
    • Maamilli tokko tajaajila telekoomii tolaa yoo qabaate itti fayyadamee xumuruu qaba
  • Maamilli tokko akkuma miseensa ta’een tajaajiloonni telekoomii amma ramadamuufitti tajaajila telekoomii miseensotaaf ramadame gatii hir’uu ta’een fayyadamuu nidanda’a.
  • Tajaajiloonni telekoomii tolaas ta’e hir’ifni taasifameef lakkoofsa gabaabaa fi tajaajila idil addunyaaf hinoolan
  • Miseensonnis ta’an bulchaan garee tajaajila telekoomii tolaa fayyadamaa pilaanii moobaayilii qooddachuu ta’uusasaniitiin argatan qaama sadaffaaf qooduu akkasumas gara tajaajila birootti jijjiiranii fayyadamuu hin danda’a
  • Maamiltoonni haaybiriidii, kafaltii duraa fi kafaltii boodaa tajaajila pilaanii moobaayilii qooddachuu miseensummaan fayyadamuu ykn bulchaa garee ta’uu nidanda’u
  • Pilaaniin moobaayilii qooddachuu dhaabbileen gurgoddoon, maaykiroo fi xiqqaa, daldalli fi tajaajilli jiddugaleessaa akkasumas pilaaniin moobaayilii qooddachuu maamiltoonni dhaabbataa bu’uraa bu’uraa itti fayyadaman 500 amma pilaanii kuma 50 abbaa tajaajila tajaajilichaa ta’uu kan danda’u lakkoofsa kafaltii boodaa galmaa’e qofa.
  • Abbaa Pilaanii moobaayilii qooddachuu kuma 50 ol ta’uuf lakkoofsa akkaawuntii maamilummaa kafaltii boodaa biizines korporeetii yoo qabaatan fayyadamuu ykn haaraa baasuu nidanda’u.
  • Tajaajila pilaanii moobaayilii qooddachuu kuma 50 fi isaa oliif bulchaa galmooftota kafaltii duraa/kafaltii boodaa /haayibiriidii ta’uu kan danda’an garuummoo akkaawuntiin abbichaa akkaawuntii korporeetii kafaltii boodaa ta’uu qaba.
  • Miseensa ykn bulchaa garee haaraa ta’uuf lakkoofsi tajaajilaa maamilichaa kan hojjetu ta’uu qaba.
  • Miseensi pilaanii moobaayilii qooduu tokko al tokkotti garee pilaanii moobaayilii qooduu kan biraa ta’uu hindanda’u.
  • Tajaajiloota hundaaf tajaajilli telekoomii itti hinfayyadamne yoo jiraate baatii itti aanu tokkoof qofa kan cehu ta’a.
  • Maamiltoonni akkaawuntii pilaanii moobaayilii qooddachuu itti fayyadamaa jiraniin galmeessuu ykn pilaanii haaraaf galmeessuun miseensota garee dursanii qopheessaniif qooduu nidanda’u.
  • Bilbila bilisaa miseensota jidduutti itti fayyadamuuf eyyamame miseensotaan alatti walii bilbiluun dhorkaadha.
  • Tajaajilli kun lakkoofsota moobaayiliif qofa kan hojjetu yemmuu ta’u, tajaajiloonni akka biroodbaandii, bilbila idilee miseensa garee akkasumas bulchaa garee ta’uu isaan hindandeessisu.
  • Bulchaan garee tajaajila miseensi tokko argachuu qabu murteessuu nidanda’a. Fakkeenyaaf miseensonni garee murtaa’an tajaajila sagalee qofa argachuu nidanda’u, kanneen murtaa’an ammoo tajaajila dagalee, ergaa fi ‘CUG’ akka argatan eyyamamuufii nidanda’a.
  • Akkaataa haalduree itti fayyadamaa armaan gaditti tarreeffameetiin miseensonni tajaajiloota telekoomii fayyadamuu nidanda’u.
    • Bilbila miseensota jidduutti taasifamuuf dursa daqiiqaa ‘CUG’ tolaa akka fayyadaman taasifama.
    • Itti aansuun namni tokko qarqaba bitateera yoo ta’e akka itti fayyadamu nitaasifama.
    • Achii booda tajaajila telekoomii tolaa ramadameef
    • Akkaataa filannoowwan armaan gadiitiin haala kafaltii maamiltootaa murteessisiisuu ni danda’u.
      • Kafaltii guutuu, dhaabbanni tajaajila kanaaf galmaa’e kafaltii amma addaan hinkunnetti kafaltii hund guutummaatti kan kafalu ta’a.
      • Qooda murtaa’ee fi kafaltii walakkaa, miseensonni kafaltii tajaajila telekoomii itti fayyadaman amma tokko dhaabbata tajaajila kanaaf galmaa’een kan kafalamu ta’a.
    • Tajaajilli telekoomii tolaa miseensota gareef ramadame yoo hin jiraanne ykn itti fayyadamanii yoo fixan gatii hir’ataa guddaan tajaajila argatan itti fufu.
    • Maamiltoonni miseensummaa pilaanii moobaayilii qooddachuu irraa yoo haqaman dambii fi tumaaleen itti fayyadama haaraan hojiirra ni’oolu.
  • Miseensonni ykn bulchitoonni garee miseensummaa pilaanii moobaayilii qooddachuu hojjechaa jirurraa osoo hin haqamiin dura lakkoofsi tajaajilasaanii akka cufamu tajaajilarraa adda akka ta’u gaafachuu hindanda’an.
  • Maamilli miseensummaarraa haqame faayidaa pilaanii moobaayilii qooddachuun kamiyyuu argachuu hindanda’u.
  • Gareen pilaanii qooddachuu moobaayilii tokko yeroo walfakkaatutti miseensi akka qabaatu eeyyamame bulchaan garee inni olaanaan 10 qofa.
  • Dhaabbanni tajaajila kanaaf galmaa’e erraga hinkafalamne osoo qabuu tajaajilli akka addaan citu gaafachuu hindanda’u.

Odeeffannoo tajaajilicha ilaallatu argachuuf 09 - 00-74-74-74 irratti bilbilaa.

Odeeffannoo dabalataaf fi galmaa’uuf jiddugaleessa keenya tajaajilli itti kennamu  kan naannawa keessanitti argamu dhaqaa!