Tajaajiloota Dabalataa (VAS)

 

Tajaajiloota Dabalataa (VAS)

Filannoowwan tajaajila bu’aa buusan adda addaa keessaa kan barbaaddan filachuun fayyadamaa!

Maajik Vooyisii

Muuziqaa

Tajaajila maamiltoonni sagalee isaanii gara sagalee adda addaatti jijjiiruun muuziqaa adda addaa itti dabaluun yeroo hiriyoota ykn maatii isaanii waliin dubbatan dhageessisu dha.

  • Maajik Vooyisiin maamiloonni bilbilaan sagalee isaanii akka jijjiiran taasisa. Akka daa’ima, jaarsa/dubartii, nama kaartuunii, ykn faallaa ofii isaaniitti dhaga’amuu danda’u.

  • Tajaajilli Muuziqaa Duubbee tajaajila bashannana irratti hundaa’ee fi bilbilli mobaayilaa tokko muuziqaa duubaa ofumaan akka itti dabalu kan taasisuu fi muuziqaa duubaa filatame taphachaa jiruun hiriyyoota isaanii ykn maatii isaanii waliin akka dubbatan kan taasisudha.

Sagalee Muuziqaa fi qabiyyee muuziqaa duubaa:

  • Sagalee mootittii
  • Sagalee mootii
  • Sagalee Kaartunii
  • Haala Tiraafikaa
  • Haala Dhalootaa
  • Haala Kubbaa Miilaa

Hub: Qabiyyeen sagalee dabalataa fedhii maamiltoota irratti hundaa’uun kan dabalamu ta’a.

Sagalee Maajikii Kan Guyyaa

2 Qarshii

Sagalee Maajikii Kan Torbanii

10 Qarshii

Sagalee Maajikii Kan Ji'aa

15 Qarshii

Danbii fi Haaldureewwan

  • Tajaajilli kun moobaayilii kafaltii duraa, kafaltii boodaa fi haayibiriidii akkasumas maamiltoonni moobaayila tajaajila kennaa jiran hundi fayyadamuu ni danda’u.
  • Tajaajilli waamicha mallattoo yemmuu bilbiltanis ta’e yemmuu isiniif bilbilamu iskiriinii moobaayiliirratti ni mul’ata.
  • Mallattoon waamichaa waamichaa fi tajaajila biyya keessaaf qofatti kan daangeffamedha.
  • Maamiltoonni tajaajilaaf wayita galmaa’an mallattoon barreeffamaa idileen dursee qophaa’e kan isaan qaqqabu yemmuu ta’u, garuummoo yeroo kamiyyuu ergaa haaraa qopheessaatii gara 623tti ergaa.
  • Maamiltoonni gatii kiraa torbanii kafaluu yoo hin dandeenye siistamni gatii kiraa kan guyyaa kutuun maamilli guyyaa dabalataa if tajaajila sirriitti akka argatu ni taasisa. Kun osoo hin ta’iin dura ergaan beeksisu fayyadamaa akka qaqqabu taasifama.
  • Maamiltoonni lakkoofsa maamilaa hundumaa ykn kan hin barbaanne filatanii mallattoo waamichaa akka hin ilaalle dhorkuu ni danda’u. Yeroo ilaaluu barbaadan deebisanii jalqabsiisuu ni danda’u.
  • Maamiltoonni tajaajila kana yemmuu fayyadaman jechoota safuu ta’an mallattoo waamichaaf fayyadamuu hin danda’an. Siistamichi jechoota filataman kan dhorku fi maamiltoonnis akka itti hin fayyadamne yaadannoo ni erga.
  • Maamiltoonni ‘HELP‘ jechuun ergaa gabaabaa gara 623tti erguun waa’ee tajaajila kanaa odeeffannoo guutuu argachuu ni danda’u.
  • Maamiltoonni ergaa gabaabaa fi lakkoofsa gabaabaa fayyadamuun tajaajilicha addan kutuu ni danda’u.

Tajaajilli kun wayita waamichi taasifamu ergaan barreeffama iskiriinii moobaayiliirratti kan itti mul’atudha. Fayyadamaan ergaa mataasaa qopheessuun iskiriinii namoota bilbilanii irratti waamicha yemmuu fudhatan ykn yemmuu bilbilan bilbilli osoo hin kaafamiin dura akka mul’atu gochuuf kan tajaajiludha. Maalummaa, miira fi haala yeroof irra jiran ibsuuf ni fayyada.

Tajaajila keenya sagalee Biip fayyadamuun erragni isin hafe xiqqaa yoo ykn yeroon tajaajila lakkoofsa keessanii darbuusaatiin/sababa eragni yeroon waan hin kafalaminiif bilbiluu yoo hindandeenyeyyuu miisd kool gochuu ni dandeessu. Ergaan beeksisaa sirriitti erguu keessan  ibsu  karaa 710 isin qaqqaba.

Danbii fi Haaldureewwan

  • Fayyadamtoonni moobaayilii kafaltii duraa erraga xiqqaa/ zeeroo ta’ee fi akka hinbilbille dhorkaman akkasumas kafaltii tajaajilaa/biilii yeroon kafaluu dhabuun maamiltoonni lakkoofsa bilbila kafaltii duraa bilbiluu hin dandeenye miisd kool gochuu akka danda’an tajaajila tolaan dhihaatedha.
  • Maamiltoonni moobaayilii kafaltii duraa, kafaltii boodaa fi haayibiriidii fayyadaman hundi tajaajila biip koolii fudhachuu ni danda’u.
  • Tajaajilli kun bilbila biyya keessaaf qofa kan tajaajiludha.
  • Baay’inni biip koolii erguu lakkoofsa tajaajilaa tokkoof eyyamame inni olaanaan guyyaatti al 9 dha.

Fayyadamtoota iddoowwan addaddaa jiran amma shanii ga’an kan of keessatti qabatu walga’ii/marii hojii ykn dhimma hawaasummaa tajaajila waamicha konfaransii fayyadamuun salphaatti adeemsisaa.

 

Akkaataa itti fayyadamaa tajaajila waamichaa konfaransii

  • Gara lakkoofsa jalqabaatti bilbilaa.
  • Bilbilli amma ka’utti eegaa.
  • Maamila bilbiltaniif hoold (Hold) irra gochuun lakkoofsa lammaffaaf bilbiluuf aad kool (add call) isa jedhu cuqaasaa.
  • Lakkoofsa lammaffaa bilbilaatii amma ka’utti eegaa.
  • “conference” ykn “Merge call” isa jedhu wayita filattan maamiltoota bilbiltaniif lamaanuu waliin haasawuu ni dandeessu.
  • Namoota biroo gara bilbila konfaransiitti dabaluuf tartiiba keessaa ajajoota 3ffaa amma 5ffaatti jiran dabalaa.

Kafaltii tajaajilaa

  • Bilbiloonni bilbiltan hundi gatii tajaajila bilbilaa idileetiin erragamanii ida’ama walii galaa ni kafaltu.

  • Moobaayiliin keessan maallaqa xiqqaa yoo qabaate maamila barbaaddaniif gaaffii “naaf bilbilaa” jedhuergaa.
  • Tajaajila kana argahuuf - *807* lakkoofsa bilbilaa nama bilbiltaniifii # jechuun bilbilaa.

Moobaayilii guuttattan irraa michoota fi firoota keessaniif ykn gara bilbila keessan lammaffaatti ergaa.

Tajaajila kana argachuuf -    *806*lakkoofsa nama bilbiltaniifii*isa jedhu amma birrii # gochuun bilbilaa.

Muuziqaalee Bareechituu sagalee filattaniin namoota isiniif bilbilan bashannansiisaa

  ዋጋ
Gatii Galmee Tola
Gatii tajaajilaa kan baatii tokkoo Birrii 5
Muuziqaalee biyya keessaa Birrii 5
Muuziqaalee idil addunyaa Birrii 7

 

Tajaajila kanaaf galmaa’uuf qubee Ingiliffaa ‘A’ gara 822 tti ergaa ykn  www.crbt.et. seenaa.

Tajaajila kana addaan kutuuf ‘U’ ergaa.

Waa’ee itti fayyadama tajaajila kanaa gargaarsa yoo barbaaddan qubee Ingiliffaa ‘H’ ergaa.

 

Itti fayyadama tajaajilichaa fi faayidaa maamiltootaaf argamsiisu

  • Eenyummaa maamiltoota biroo irraa adda ta’e isiniif kenna
  • Bilbilli amma ka’utti turtiin jiru bashannansiisaa akka ta’u taasisa.
  • Namoota isinii bilbilan bashannansiisa.
  • Namoota isiniif bilbilan addaddaaf bareechituu sagalee addaddaa fayyadamuu ni dandeessu.
  • Yeroo addaddaa bareechituu sagalee addaddaa akka fedhii keessaniitti fayyadamuu ni dandeessu. F.k.f- ganama, guyyoota ayyaanaaf, vaalaantaayinsii k.k.f …

Sababa addaddaatiin bilbila keessanirratti yoo argamuu baattan namoonni isiniif bilbilan ergaa sagaleen akka isiniif kaa’an taasisaa.

Akaakuu tajaajilaa Gatii
Tajaajila kana galmaa’uuf ykn addaan kutuuf Tola
Kafaltii Baatii Tola
Ergaa isiniif kaa’ame dhaggeeffachuuf Tola
Kafaltii ergaawwan 824 beeksisaniif Tola
Eraa isiniif kaa’ame wayita dhaggeeffattan ergaawwan beeksisaa himamaniif kan kafalamu Tola

 

Faayidaa Tajaajilichi maamiltootaaf kennu

  • Naannoo tajaajila argachuu hin dandeenye wayita taatan, bilbila kaasuuf wayita isiniif hin mijoofne, bilbilli keessan cufaa yoo ta’u, ykn bilbila biraa haasawaa irra jirtaattanis ergaa faayidaa qaban akka argattan isin gargaara.

Tajaajilli kun maamila kanaan dura bilbiltaniifii argachuu hin dandeenye amma deebitanii yoo bilbiltaniif argachuu akka dandeessan ergaa gabaabaan kan isin beeksisudha.

Akkaataa itti fayyadamaa

  • Tajaajilli kun maamiltoota hundaaf kan gadlakkifame yoo ta’u, ergaa barreeffamaa gabaabaa fi USSD akka fedhii keessaniitti fayyadamuun addaan kutuu fi deebiftanii jalqabsiisuu ni dandeessu.

 

Tajaajila kana addaan kutuu fi jalqabsiisu

  • Tajaajila kana addaan kutuuf D1 jedhaatii gara 824tti ergaa.
  • Deebiftanii jalqabsiisuuf A1 jedhaatii gara 824tti ergaa.

Faayidaa tajaajilli kun maamiltootaaf argamsiisu,

  • Bilbiloota bu’aa malee irra deddeebitanii bilbilaman irraa isin oolcha.
  • Bilbila irra deddeebitanii yaaluudhaan yeroo balleessitan qusachuun omishtummaa keessan ni guddusa.

 

Kafaltii tajaajila kanaa

  • Tajaajilli kun galmee tajaajilaa malee akkasumas kafaltii baatii maamiltoota keenya hundaaf tolaan ni dhihaata.
  • Beeksiftuun eraa barreeffamaa gabaabaa kafaltii malee isin qaqqaba.

Bilbilli keessan cufaa wayita ture ykn neetwoorkii ala wayita turetti eenyu bilbilee akka isin hin arganne ergaa barreeffamaa gabaabaan kan isin beeksisudha.

Faayidaa tajaajilli kun maamiltootaaf kennu

  • Bilbiloota hin milkoofne hundaaf beeksiftuun isin qaqqaba.
  • Bilbilli keessan cufaa wayita ture ykn neetwoorkii ala wayita turetti waa’ee namoota bilbilanii isin hin argannee odeeffannoo guutuu ni argattu (lakkoofsa bilbilaa isaanii, sa’aatii itti bilbilan) k.k.f.

Kafaltii tajaajilaa

  • Tajaajilli kun maamiltoota keenya hundaaf kafaltii tajaajilaa malee tolaan dhihaata.

Akkaataa Itti Fayyadamaa,

 Tajaajilli kun maamiltoota humdaaf gadlakkifameera.

Tajaajila kana addan kutuu fi jalqabsiisuu

  • Addaan kutuuf D2 jedhaatii gara 824tti ergaa.
  • Deebiftanii jalqabsiisuuf A2 jedhaatii gara 824tti ergaa.

Bilbila osoo haasoftanii bilbilli barbaachisaan kan biraa yoo isinii bilbilame mallattoo isiniif kenna. Kun ammoo bilbilli kun akka isin jala hin baane taasisa.

Tajaajilli kun tola kan kennamu yoo ta’e, bilbiloota hedduu irratti argama.

  • Bilbila isiniif bilbilamu gara lakkoofsa biraatti dabarsuuf tajaajila.
  • Bilbila keessan fayyadamuun tajaajila kana jalqabsiisuus addaan kutuus ni
  • Haala armaan gaditti ibsaman keessa wayita jirtan bilbila isinii bilbilamu gara bilbila biraatti dabarsuu ni dandeessu.
  • Bilbila haasa’aa yoo jirtan.
  • Neetwoorkii ala yoo taatan.
  • Bilbila osoo hin kaasiin yoo dhiiftan.
  • Bilbila isiniif bilbilame hunda akka barbaaddanitti dabarsuu ni dandeessu.

Faayidaa tajaajilli kun maamiltootaaf qabu

  • Yeroo argamuu hin dandeenyetti bilbilloonni isin fayyadan akka isin jala hin baane ni gargaara.

Kafaltii Tajaajilaa

  • Galmeeffamuuf- Tola
  • Kafaltii Tajaajilaa,
  • Sa’aatii idileetti - taaksii dabalataa waliin daqiiqaa tokkotti saantima 50
  • Sa’aatii idileen alatti - taaksii dabalataa waliin daqiiqaa tokkotti saantima 35

Lakkoofsota bilbilaa yaadatamuu fi bilbiluuf salphaa ta’an bakka afuritti kan ramadaman (Pilaatiiniyeemii, Warqee, Meetii fi naasa) jiddu galeessa keenya gurgurtaa Itiyoo Telekoomii isinitti dhihoo jiru irraa argachuu ni dandeessu.

Hojiif, barnootaaf, ykn dhimmoota biroof biyya alaa wayita deemtan ykn biyya keessa osoo jirtanii yeroo dheeraaf bilbila idilee ykn moobaayilii osoo itti hin fayyadamiin tursiisuuf yoo barbaaddan tajaajila Lakkoofsa koo naa tursiisaa fayyadamuun lakkoofsi keessan imaanaan akka isiniif taa’u gochuun deebiftanii fayyadamuu ni dandeessu.

Lakkoofsa keessan amma waggaa 5tti tursiisuu ni dandeessu.

Kafaltiin waggaa tokkoo Birrii 109 

Tajaajilakana argachuuf jiddu galeessa gurgurtaa Itiyoo Telekoomii dhaqaa.