Tajaajila kUUFAMA Hiriyaa fi Firaa

KUUFAMA HIRIYAA FI FIRAA

Garee hiriyyaa fi maatii mataa keessanii uumuu & tajaajila telekoom keessan akka qooddan isin dandeessisa.

Kuufama haaraa kana Appii Maayi Itiyootel haaromfame buufachuun ykn giddu gala tajaajilaa keenya dhiyoo jiru daawwachuun argadhaa.

Share

Sagalee

  • Daqiiqaa 2500 bilbila biyya keessaaf
  • Gatii CUG: Qarshii 25 ji'aan
  • Amma miseensota 5tti
Hir'isa 20%

Daataa

  • Daataa GB 20
  • Kiraa siiyuujii (CUG): baatii tokkotti Qarshii 25
  • Amma miseensota 5tti
Hir'isa 30%

SAGALEE + DAATAA

  • Daqiiqaa 2500
  • GB 20
  • Kiraa siiyuujii (CUG): baatii tokkotti Qarshii 25
Hir'isa 20%

  • Fayyadamtoonni moobaayilii tajaajila kaffaltii duraa, kaffaltii boodaa fi haayibiriidii kennan hundi tajaajila kana argachuuf ga’umsa qabu.
  • Kanneen tajaajila bilbila idilee, siimii deetaa qofaa, maashinarraa gara maashinaa akkasumas CDMA fayyadaman qarqaba hiriyyaa fi firaabitachuu hin danda’an.
  • Fayyadamtoonni tajaajila sagalee, deetaa fi ergaa gabaabaa daangaa malee miseensa ta’uun galmaa’uun tajaajila kana fayyadamuu hin danda’an. Haata’u malee hundeessaa ta’uun galmaa’uudhaan miseensota biroo makuun fayyadamaa taasisuu ni danda’u.
  • Hundeessaa muummee qarqaba hiriyyaa fi firaa addaddaa bituun miseensota biroof fayyadamaa akka ta’an gochuun nidanda’ama. (Qaamni kana bulchu qarqaba sagalee, deetaa ykn qarqaba lamaanuu of keessaa qabu maamiltoota miseensa isa taasisaniif qooduu nidanda’u.)
  • Hundeessaan kun dhaabbataa ta’uu yemmuu qabaatu qabeenya baay’ina qarqaba bitame irraa %50 ol qofaasaa fayyadamuu hin danda’u.
  • Hundeessaan qarqaba hiriyyaa fi firaa appilikeeshinii Maayi Itiyooteel fayyadamuun ykn qaamaan qrgamuun yeroo kamiyyuu garee uumuu, miseensota makuu, sirreessa taasisuu akkasumas miseensota haquu nidanda’a. Kana malees qarqaba isaa guyyaa, torbanii fi baatiif qoodee ramaduu nidanda’a.
  • Amma miseensa eyyamameetti (Miseensa nama 5)tti tola kan galmaa’amu yoo ta’u, hundeessaan kun lakkoofsa eyyamamee ol miseensa galchuuf maamila tokkoof birrii 5 kafala. Lakkoofsi miseensotaa garee hiriyyaa fi firaa inni olaanaan kan eyyamamu hundeessaa dabalatee nama 15dha.
  • Kana malees hundeessaan garee amma miseensota 5tti kiraa Siiyuujii (CUG) birrii 25 kafaluutu isarraa eegama.
  • Lakkoofsi tajaajilaaf galmaa’e ykn hudeessaan tajaajila qarqabaaf kiraa baatii kafaluuf nidirqama.
  • Tajaajilli kun baatii baatiin akka itti fufu kafaltii duraa yoo ta’e jalqaba baatii erraga ga’aa, akkasumas kafaltii boodaa yoo ta’e erraga kuusaa ga’aa ta’e qabaachuu qaba.
  • Tajaajila kana addaan kutuuf appilikeeshiii maayi Itiyooteel fayyadamuu ykn gara jiddugaleessota gurgurtaa keenyaa dhufuu qabdu.
  • Kafaltiin hundi taaksii dabalataa waliini.