Mul’ata Itiyoophiyaa dijitaalaa dhugoomsuu fi waggoota 128 wayita wliin turretti akkuma gochaa  turre ummanni keenya tajaajila teekinooloojii addunyaan irra ga’e akka qooddatu gochuuf tajaajila neetwoorkii dhaloota 5ffaa isa dhumaa (5G) har’a Onkoloolessa 23 bara 2015 magaalaa Adaamaatti sadarkaa yaaliitti jalqabsiisuu keenya gammachuun ibsina.

Baatiiwwan darban kaampaaniin keenya tajaajila neetwoorkii dhaloota 5ffaa (5G) magaalaa Finfinneetti sadarkaa yaaliitti jalqabuunsaa ni yaadatama. Tajaajila kana magaalaa Adaamaa buufataalee 6 keessatti sadarkaa yaaliitti jalqabsiisuudhaan hojiin qophii sirnakkoo (ecosystem)  sakatta’uu raawwachuun tajaajila kana gabaarra oolchuuf qophiirratti argamna.

Tajaajilli neetwoorkii moobaayilii 5G kun tajaajiloota ergama olaanaa qabanii  (Mission Critical) fi yeroo tokkotti raawwatamuu qaban  (real time), fakkeenyaaf teekinooloojiiwwan Warshaalee omishtootaa, qonnaa, yaala, fakkaataniif faayidaa olaanaa kan qabaniif ( Internet of Things) qabatamatti hojiirra akka oolan kan dandeessisu teekinooloojii ammayyaa fi amansiisaa yoo ta’u, Magaalaa Adaamaa ‘Ismaart siitii’ gama gochuutiin karoora qabame milkeessuudhaan sochii magaalattii walii galaa karaa teekinooloojii ‘Ismaartii’ cimsuudhaan gumaacha guddaa akka qabaatu ni amanama.

Keessumaa maamiltoonni keenya neetwoorkii moobaayilii 5G tajaajila gaarii akka argatan dandeessisuunolitti muuxannoo guddaa akka qabaatan taasisa. Maamiltoonni keenya Intarpiraayizii ammoo si’aayina hojmaatasaanii fi omishtummaasaanii akka guddisan shoora olaanaa taasisaaf.

Tajaajilli Intarneetii 5G dhaloota teekinooloojii kanaan dura ture (LTE 4G) caalaa humna guddaa kan qabu fi tajaajila gosa hedduu kennuu kan danda’udha.  Kun ammoo fedhii maamiltootaa guddachaa dhufe kan madaalu qofaa osoo hin ta’iin dinagdee dijitaalaa biyya keenyaa fi sochii biizinasii kakaasuuf akkasumas itti fayyadama teekinooloojii hawaasa keenyaa irratti jijjiirama olaanaa fiduu kan dandeessisudha.

Gara fuulduraattis Kaampaaniin keenya  tajaajilasaa bal’inaan gabaarra oolchuu fi hojii baba;’isuu hojjechuuf fedhiin maamiltootaa fi guddachuu fedhiin 5G fayyadamuu, meeshaaleen 5G itti fayyadamuu dandeessisan fi moobaayiloonni 5G fayyadamuu dandeessisan bal’inaa fi humna bitachuu ilaalcha keessa karaa galcheen gabaarra jiraachuun, fedhii fi qophii Industiriiwwan biyya keenya keessa jiran tajaajila 5G fayyadamuuf  qaban akkasumas haala guddina sirnakkoo (ecosystem) Telekoomii walii galaa  tilmaama keessa galchuun magaalaawwan naannolee kanneen biroo keessatti hojii babal’isuu dabalataa hojjechuun tajaajilasaa kan dhiheessu ta’a.

                               

                               Itiyoo telekoom

                     Onkoloolessa  23 bara 2015

 

Share This Post:

Share on facebook
Share on telegram
Share on twitter
Share on linkedin

Follow Us

Recent Posts

Archives