Yeroo qilleensaa guuttachuuf
  • Moobaayilii teeleebirriin guuttachuuf filmaatota marsariitii (web), Fayyadama (appilication), lakkoofsa gabaabaa  (USSD) fi ergaa barreeffamaa gabaabaa (SMS) fayyadamuun lakkoofsa tajaajilaa keessan ykn nama biraaf guutuuf nama dandeessisa. Maamiltoonni galmaa’an eenyummeessaa (Account) Teeleebirrii fayyadamuun bilbila moobaayilii isaanii akka salphaatti guuttachuu ni danda’u.

Top up with airtime with telebirr is so easy and fast!

You can easily top up mobile airtime for yourself or anyone else at any time and place without having to visit the retail stores in person using telebirr.

Yeroo qillensaa karaa teeleebirrii guuttachuun baayée salphaa fi saffisaadha!

teeleebirrii fayyadamuun gara dukkaana (suuqii) gurgurtaa  daldaltootaa deemuun osoo hin barbaachisne yeroo fi bakka kamittu offi keessanii ykn nama biroof yeroo qilleensaa salphaatti guutuu dandeessu

teeleebirriitti fayyadamuun attamitti yeroo qilleensaa guuttachuu dandeenya?

  • Gara *127# tti bilbilaa ykn Fayyadama(appilication) Teeleebirrii seenaa.
  • Filmaatota dhihaatan keessaa yeroo  qilleensaa bitadhaa/moobaayilii guuttadhaa’ isa jedhu filadhaa
  • ‘Ofii keessaniif ykn nama biraaf’ isa jedhu filadhaa
    • Lakkoofsa bilbilaa abbaa guuttaniifii galchaa/filadhaa.
    • Lakkoofsa iccitii (PIN) galchaa
    • Dabarsuu keessan mirkaneessaa.

Tajaajila Liqii(Credit) Itiyoo teelee

Isin ykn hiriyaan keessan erragni isa/isaan hafu xiqqaa ta’e wayita sanatti bilbila guuttachuu yoo hin dandeenye fayyadama (appilication) Teeleebirrii ykn gara  *127# tti bilbiluun moobaayilii guuttachuu ykn qarqaba liqii argachuu ni dandeessu.

 

Ulaagaa kana gochuuf dandeessisu

ACCOUNT LEVEL

NETWORK AGE

TRANSACTION FREQUENCY

TRANSACTION VALUE (BIRR)  

ELIGIBLE FOR (BIRR)

Level 1

3 Months

4

4 to 400     

1 to 100


Level 2 & 3

3 Months

3 & above

3 to 750

      1 to 250

Danbii fi Haaldureewwan

  • Akaakuuwwan bittaa fi gurgurtaa tajaajila liqiif ga’aa isin taasisan- Fayyadama (appilication) moobaayilii Teeleebirrii fayyadamuun ykn gara *127# tti bilbiluun qarqabni baatii darbe bittan akkasumas sa’aatii qilleensaa, Teeleebirrii fayyadamtanii tajaajiloonnii fi oomishoonni bittan yoo jiraate, kafaltii tajaajilaa karaa Teeleebirrii  yoo raawwattan tajaajila liqii argachuuf ni dandeessu.
  • Maamiltoonni gulantaa tokko irra jiran baatii darbe liqii amma gaafachuu barbaadan harka afur bittaa fi gurgurtaa raawwatanii kan beekan ta’uu qabu.   (fakkeenyaaf liqii birrii 1 gaafachuu yoo barbaadan baatii darbe bittaa fi gurgurtaa birrii 4 gochuutu isaanirraa eegama.)
  • Maamiltoonni gulantaa lamaa fi sadii irra jiran liqii gaafachuu barbaadan baatii darbe bittaa fi gurgurtaa dachaa sadii kan raawwatanii kan beekan ta’uu qabu. (Fakkeenyaaf liqii birrii 100 gaafachuu yoo barbaadan baatii darbe bittaa fi gurgurtaa gochuu qabu)
  • Birrii 1 amma birrii 250tti liqii wayita gaafattan kan hin qoqqoodamne  waan ta’eef maamiltoonni akkaataa eenyummeessaa gulantaasaaniitiin maallaqa amma barbaadan galchuu ni danda’u.
  • Maamiltoonni liqii gaafachuuf cimdaa(network) Itiyoo Telekoomii/maamila erga ta’anii yoo xinnaate baatii 3 (guyyoota 90) guutuu qabu.
  • Maamiltoonni yoo xinnaate baatii tokkoof fayyadamaa tajaajila Teeleebirrii ta’uu qabu.
  • Moobaayilii keessan liqiin erga guuttattanii booda qarqaba bitachuu ykn tajaajila barbaaddan fayyadamuu ni dandeessu.
  • Dabalanni (Bonus)/ badhaafni jajjabeessituun Teeleebirrii irraa qabdan sa’aatii qilleensaa/qarqabaa liqii kafaluuf hin oolu.
  • Maamiltoonni moobaayilii guuttataniif/qarqaba liqii karaa bakka buutotaa, jiddu galeessa gurgurtaa Itiyoo Telekoomii ykn maallaqa baankiirraa eenyummeessaa Teeleebirrii keeessa yemmuu kaa’an ykn biyya alaarraa maallaqni wayita ergamu, karaa Teeleebirrii ykn lakkoofsa moobaayilii isaaniitiin moobaailii yemmuu guuttatan ni cita.
  • Maamiltoonni lakkoofsa moobaayilii hojjetu qabanii fi Teeleebirriitti fayyadaman  tajaajila liqii Itiyooteel ofiif akkasumas hiriyyaa isaaniif argachuu ni danda’u.
  • Sa’aatiin qilleensaa maamiltoota biroof gaafatan ykn qarqabni liqii karaa nama gaafatee kafalama.
  • Maamiltoonni sababa yeroon tajaajilaa darbuutiin lakkoofsi moobaayilii isaanii cufame, dhorkame akkasumas tajaajila kennuu addaan kutan tajaajilaliqii argachuu hin danda’an.
  • Maamiltoonni liqii fudhatan kafalanii osoo hin xumuriin liqii gara biraa gaafachuu hin danda’an.
  • Kafaltiin tajaajilaa %10 liqii  fudhatan waliin ida’amee deebifama.
  • Maamiltoonni liqii karaa Teeleebirrii fudhatan guyyoota 90 keessatti yoo hin kafaliin liqii fudhatan kafaltii tajaajilaa waliin siistamni erraga Teeleebirrii isaaniirraa ni hir’isa.
  • Maamiltoonni fayyadamoo kafaltii boodaa liqii fudhatan guyyoota 90 keessatti kafaluu yoo baatan fi baalaavsii Teeleebirrii yoo hin qabaanne baay’inni liqii kafaltii tajaajilaa waliin biilii baatii itti aanuu waliin kan ida’anu ta’a.
  • Maamiltoonni kafaltii boodaa guyyoota 90 keessatti deebisuu yoo baatan akkasumas erraga gahaa liqii fudhatan kafaltii tajaajilaa waliin deebisuu hin dandeenye yoo ta’e yeroo kamiyyuu moobaayilii yemmuu guutan kafaltii adabaa %15 dabalatee jalaa murama.
  • Maamiltoonni tajaajila liqii wayita fudhatan akkasumas deebisanii wayita kafalan ergaan mirkaneessu lakkoofsa moobaayilii isaaniitiin isaan qaqqaba.
  • Maamilli tokko liqiin fudhate yeroon itti deebisu darbeera kan jedhamu sa’aatii 48 yoo caaledha. Liqii dursee fudhate kafalee osoo hin xumuriin yeroon kafaltii erga darbee booda liqii biraa gaafachuu hin danda’u.
  • Liqiin fudhatame guyyoota 90 keessatti deebi’uu qaba.
  • Maamila liqii fudhate  hin deebifneef guyyoota kudha sha kudha shaniin ergaan barreeffamaa gabaabaa ni ergamaaf.
  • Liqii sa’aatii qilleensaa argachuuf ga’aa kan hin taane-
    • Yeroon tajaajila isaanii darbuun maamiltoonni lakkoofsi moobaayilii isaani cufaman, ittifaman akkasumas  tajaajila kennuu kan addaan kutan,
    • Maamiltoonni eenyummeessaa (Account) Teeleebirrii tajaajila hin kennine qaban akkasumas ittifaman,
    • Maamiltoonni liqii dabalataa gaafachuuf liqii dura fudhatan kafalanii xumuruu qabu. Haa ta’u malee sa’aatii 48 liqii jalqabaa fudhatan keessatti akkaataa gulantaa eenyummeessaa(Account) isaaniitiin, baay’ina bittaa fi gurgurtaa fi amma baay’ina liqii isaaniif eeyyamametti deebisanii liqii fudhachuu ni danda’u.

    Fakkeenyaaf – Maamilli tokko baay’inni liqii eyyamameef inni guddaan birrii 100 ta’ee birrii 50 yoo fudhate deebi’ee amma birrii 50tti liqii fudhacuu ni danda’a jechuudha. Deebi’ee liqii gaafachuuf liqii jalqabaa fudhatee sa’aatii 48 keessatti qofa ta’uu qaba. Sa’aatii 48 booda liqii yoo gaafate tajaajila argachuu hin danda’u.